Deebisaa: Hukmii shari’aatii fi Aadaa wal keessa hin laaqinaa. Fuudhaa fi heerumni yeroo raawwatamu gabbara kaffali, waan Haadhaa , Abbaa, Eessumaa, Adeera, Haboo, Adaadaa, dabalatee kana fidii san fidii wanti jedhamu kun dogongora. Wanti guyyaa kana kennamu cufti maqaa intalaatin, maqaa mahriitiin kennamuu qaba. Guyyaa kana waan meeshaa, akkasuma ka uffata isii fidi yoo siin jedhan kun hukmii shari’aa keessatti waan wal rakkuu miti kafaluu dandeetta.
Guyyaa cidhaa keessatti immoo waan Rabbiin jibbu ka akka farsoo (Alcohol) dabalatee, waan haraama tahe yoo si ajajan irraa fagaachuu qabda. Fuudhaa fi heeruma keessatti, daangaa shari’aa darbuun sihii fuudhu qofa osoo hin taane warri intalaatis ilmoo isaanii gurgurachuu irraa of qusachuu qaban. Irra hedduun dubartoota teenyaa yoo dhageenyu warra keenyatu nu gurgurate jedhan. Jecha akkanaatis Rabbii keessan sodaadhaa irraa fagaadhaa. Muslimtittiin hin gurguramtu.
Dr. Liwaawul-islaam