8. Gaaffii: Namni tokko osoo Qur’aana hin qara’in yoo salaata salaate, salaatni isaa akkami?
Deebii: Rabbiin Qur’aana keessatti waan dandeettaniin qara’aa jedhe. sababa qur’aana Qara’uu dhiifteef salaanni kee hin badu. Garuu faatihaan Arkaana salaataa keessa waan galtuuf jecha, faatihaa dhiifnaan salaanni kee bade. Muslimootni dhimma suuratul Faatihaa irratti xiyyeeffannaan hojjachuu qabu. Suuraa kana qomatti qabachuun haalaan barbaachisaadha. Sababni isaa Ergamaan Rabbii Sallallaahu Alayhi Wasallam, “Nama Faatihaa hin qara’iniif salaatni isaa hin...