logo gs

Year: 2025

Telegram

Appilikeeshiniin Telegram yeroo ammaa kana jaalala horachaa jira. Akka ragaan mul’isutti har’a namoonni Telegiraamii fayyadaman miliyoona 900 ol ta’u. Dhaabbileen hedduun oomisha isaanii beeksisuuf chaanaalii telegiraamii bananiiru. Dhaabbileen mootummaas odeeffannoo adda addaa karaa telegiraamii ummataaf qooduun filataniiru. Kunis Telegram namoota hedduu biratti akka jaallatamu taasisaa jira. Appilikeeshiniin telegiraamii kun teknooloojiiwwan sadarkaa olaanaa qaban hedduu qaba....

Namni tokko intala takka yoo fuudhuu fedhee laallate akkam?

Deebisaa: Namni dhiiraa ka intala fuudhuuf barbaaduu fi intaltis tan heerumuu barbaaddu wal laallachuun islaamummaa keessatti halaali. Haadhaa fi abbaan intala tiyya laaluun hin ta’u jedhanii yoo dhoorkan, wallaalummaa isaaniiti. Wal laallatiinsa jechuun garuu daangaa qaba. Hoteelaa fi kaafteeriyaa addaa keessa kophaa wajjiin deemanii bashannanuu, wajji waan haraam dalaguu miti. Wal laallatiinsa yoo jedhamu waan daqiiqaa...

Rabbanaa Qur’aan keessaa

رَبَّنَا وَٱجۡعَلۡنَا مُسۡلِمَيۡنِ لَكَ وَمِن ذُرِّيَّتِنَآ أُمَّةٗ مُّسۡلِمَةٗ لَّكَ وَأَرِنَا مَنَاسِكَنَا وَتُبۡ عَلَيۡنَآۖ إِنَّكَ أَنتَ ٱلتَّوَّابُ ٱلرَّحِيمُ “Gooftaa keenya! Nu lamaanuu siif ajajamoo nu taasisi; sanyii keenya irraas ummata Siif ajajamtoota (taasisi), Manaasika’ keenyas (sirnoota hajjiifi umraah) nutti agarsiisi, Tawbaa keenyas nurraa qeebali, Dhugumatti, Ati Situ akkaan tawbaa qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha. رَبَّنَا وَٱبۡعَثۡ فِيهِمۡ...

Saayinsii fii Qur’aana kutaa 2ffaa

Saayinsii fii Qur’aana kutaa 2ffaa QORMAATA QUR’AANAA Ogbarruu fi walaloo meeshaa ta’aniiru kan ibsa namaa fi kalaqa namaa, aadaa hunda keessatti. Addunyaan yeroo ogbarruun itti dagaagees argitee jirti. Walaloon immoo gosa boonsaa kana fudhateera amma saayinsii fi teeknooloojiin itti gammadu.   Hayyoonni Muslima hin taane illee Qur’aanni akka jecha namaa hin taane  irratti walii galu,...

Saayinsii fii Qur’aana kutaa 1ffaa

Saayinsii fii Qur’aana kutaa 1ffaa Kutaaleen uumama wajjin walqabatan Qur’aana keessatti bakka adda addaatti kan mul’atan yoo ta’u, kanneen akka: إِنَّ فِي ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضِ لَأٓيَٰتٖ لِّلۡمُؤۡمِنِينَ Samiileefi dachii keessa Dhugumatti mu’uminootaaf mallattooleetu jira. وَفِي خَلۡقِكُمۡ وَمَا يَبُثُّ مِن دَآبَّةٍ ءَايَٰتٞ لِّقَوۡمٖ يُوقِنُونَ Uumama keessaniifi lubbu qabeeyyii irraa waan Inni (Rabbiin dachii keessa) facaasu keessas namoota...

9. Adurreen Salaata ni balleessitii?

Gaaffii: Yeroon salaatu Adurreen narra naannofti salaatni koo ni badaa? Deebiii: Ergamaan Rabbii Sallallaahu Aaleyhi Wassallam dhimma adurreetiin wal qabatee akkas jedhan, “bashoon ykn adurreen khaadima keessan kan mana keessaati. Hoggaa nyaattanii fi dhugdan isiniin naannayu.” Walumaa galatti bashoon ykn adurreen salaata keessa sitti mammaramuun salaata kee hin balleessu. Fatawaa biyya alaa Adurreen qulqulluudha.  Kanaafuu adurreen...

8. Gaaffii: Namni tokko osoo Qur’aana hin qara’in yoo salaata salaate, salaatni isaa akkami?

Deebii: Rabbiin Qur’aana keessatti waan dandeettaniin qara’aa jedhe. sababa qur’aana Qara’uu dhiifteef salaanni kee hin badu. Garuu faatihaan Arkaana salaataa keessa waan galtuuf jecha, faatihaa dhiifnaan salaanni kee bade. Muslimootni dhimma suuratul Faatihaa irratti xiyyeeffannaan hojjachuu qabu. Suuraa kana qomatti qabachuun haalaan barbaachisaadha. Sababni isaa Ergamaan Rabbii Sallallaahu Alayhi Wasallam, “Nama Faatihaa hin qara’iniif salaatni isaa hin...

7. Salaata garii dhiisaa garii salaatuun akkamitti ilaalama?

Gaaffii: Nama salaata tokko salaata tokko dhiisu ammoo kan sadaqatu maal godhu? sadaqaan isaa sun salaata isaa irraa bakka bu’uu danda’aa?  Qadaa ni deebisaa? Deebii:  Bakka hin buutu. Nasihaa godhaniif akka walitti dhaabee salaatu. Towbadhu gama Rabbi kankeeti kadhu. Yoo kan beeku taate guyyaa inni irraa dabre sana qadaa deebisa. Yoo kan hin beeyne taate...

Daarektarri Olaanaa WHO: Biyyoonni miseensa ta’an Yaa’ii Fayyaa Addunyaa seena qabeessa ta’e irratti WHO fi fayyaa addunyaaf kutannoo qaban irra deebi’anii mirkaneessan

Daarektarri Olaanaa WHO Dr Tedros Adhanom waadaa Biyyoonni Miseensota Dhaabbatichaa agarsiisan kanneen gara torban lamaa walgahii torban lamaa keessatti addunyaa nageenyaafi fayyaa taasisuuf tarkaanfiiwwan seena qabeessa fudhatan galateeffataniiru. Waliigaltee addunyaa jalqabaa addunyaa weerara dhukkuba gara fuula duraa irraa nageenya akka qabdu gochuu fi deeggarsa maallaqaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaaf taasifamu dabaluun, Yaa’ii Fayyaa Addunyaa Torbaatamii saddeetffaa,...

6.Nikaahni nama duubaan godhamu akkami?

Anaa fi intalti takka wal jaalanne. Eega wal jaalanneen booda warri keenya lamaan walitti dhufanii nikaaha nama godhus waaman. Garuu guyyaa nikaaha godhan san ‘eenyuun bakka buufatta’ naan hin jenne, ‘hayyama godhi’ naan hin jenne. Anuma duubaan nikaaha godhan. Nikaahni kun akkamitti laallama? Deebii: Nikaahni ulaagaa afur ykn shan qaba. Inni duraa, abbaan intalaa intala namaa...