logo gs

Year: 2025

6.Intalli an jaaladhee fuudhe, Durbummaa hin qabdu.

Gaaffii: Intala takka jaaladhee walii gallee fuudhe. Fuudhatti seenuun dura intala durbaatiin barbaada jedhee itti hime. Isiinis durbummaa narraa hin dhabdu naan jennaan anis fuudhatti seene. Halkan fuudhe san Durbummaa irraa dhabe akkam godhuu qaba? Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii; Intalti durbaa takka hogguu fuudhuu feetu isii laallachuun dirqama keeti. Kana jechuun waliin ciisuu osoo hin ta’in isii...

5. Hojii Dallaalummaa hajjachun Halaala moo Haraama?

Deebii gabaabaa Wanti bitaniifi gurguran hundi beekumsatti haajomti. Fakkeenyaaf namni tokko yoo lafa bitachuu fedhe; Waa’ee lafa sanii, gatii magaalaan ittiin jirtu, haala qilleensaa, seera qabeessummaa dachii sanii fi waan heddu beekuu qaba. Kana beekuuf ammoo qorannoo guddaa godhuun isarratti dirqama. Gama birootiin namni gurguratus lafa san gurguruuf nama itti gurguru argachuu qaba. Kanaaf ammoo...

3. Afeerraa namni Ribaa nyaatu qopheesse orratti hirmaachuun danda’amaa?

Gaafii: Namni tokko dhala/ribaa nyaachuun beekama. Yoo namni kun Jigii/Guuza/Daboo nama yaame, affeerraa isaa kanarratti hirmaachuun danda’amaa? Nyaata inni qopheesse hoo nyaachuun hayyamamaa? Deebisaa: Namtichi kun qabeenyi isaa guutumattuu 100/100 dhala tahuun yoo beekame, isarraa nyaata nyaachuun haraama taha. Jigii isaa irrattis hirmaachuun hin hayyamamu. Nama akkanaa irraa fagaachuu barbaachisa. Gama birootiin yoo namtichi qabeenya garagaraa qabaatee,...

2. Garbuu Oomishanii Warshaa Farsoo dalaguuf Gurguruun Hayyamamaa?

Deebisaa gababduu Dhaabbata kana keeysa dalaguun akka shari’aa islaamaatti dhoorkaadha. Dhaabbata Farshoo oomishu, dhaabbata booyyee qalee foon isaa guruguru fi dhaabbata dalagaa haraamaa hojjatu hunda waliin hojjachuun haraama.   Namni garbuu oomishu, garbuu isaa warshaa biqilaatiif gurguruun akkami?   Kunis haraama taha. Biqilli maaliif barbaadama? Gaafii jettu yoo if gaafanne deebisaa ni arganna. Biqilli waan...

1. Bakka foon booyyee itti gurguramu keessa hojjachuun Tahaa?

Deebisaa: Rabbi Qur’aana isaa keessa waan gaaritti wal ajajaa, hamtutti wal hin ajajinaa nuun jedhe. Bakka san keessatti hojjachuun ammoo ma’asiyaa irratti nama gargaaruudha. Kan lammataa ammoo wanti mana san keessa jiru kan itti dhugan fi nyaatan akkasumas kan ittiin hojjatan hundi najisa. Kanaaf jecha bakka san irraa fagaatuu barbaachisa. Nama waan tokko Rabbiif jecha dhiise...

Namoonni Akkasuma Gaafatan

Yaad-rimeen Siyaasaa Islaamummaa Keessatti Maali? Islaamummaa keessatti siyaasni akka waan hawaasa keessatti barbaachisaa ta’etti kan ilaalamu yoo ta’u, amantii wajjin walitti dhufeenya guddaa qaba. Galmi siyaasaa Islaamaa keessatti hawaasa haqa qabeessaa fi haqa qabeessa ta’e kan qajeeltoowwan barsiisa Islaamaa kan akka haqaa, walqixxummaa fi gara laafina irratti hundaa’e hundeessuudha. Siyaasni Islaamaa barbaachisummaa bulchiinsa gaarii, itti...

Wantoota Soomana Balleessan

Walqunnamtii Saalaa Raawwachuu. Namni soomni tokko haadha manaa isaa wajjin wal qunnamtii saalaa yoo raawwate soomni isaa ni haqama, guyyaa sana, kan walqunnamtii saalaa akkasii raawwate sana bakka buusuuf dirqama itti ta’a. Kana malees, namni tokko guyyaa akkasii bakka buusuuf qofa osoo hin taane, kaffaaruuf dirqama qaba. Kaffaarri gocha akkasii gabricha bilisa baasuu yoo ta’u,...

Islaamummaan Maali ?

Islaamummaan Jechuu nagaa argachuu jechuudha – nagaa Rabbiin wajjin, nagaa of keessaa, fi nagaa uumama Rabbi wajjin – guutummaatti Rabbiif of gadi qabuu fi qajeelfama isaa fudhachuudhaan. Jechi Islaamaa jedhu hundee Arabaa qubee sadii qabu S (س)- L (ل)- M (م) jedhu irraa kan madde yoo ta’u, kunis jechoota hiika walitti hidhata qaban kan maddisiisu...

SEEXANA MOO DHUFE MOO MALAA’IKAADHA? kutaa 3ffaa

KUTAA 3ffaa. Ammas gaafii isaan kaasantu jira, innis akkamitti malaa’ikaan bifa namaatiin dhufuu danda’a? kan jedhuudha. Deebiin kanaas macaafuma isaanii keessas jira, garuu isaan macaafa dubbisuu osoo hin taane qabatanii shubbisutti amanu. daani’el 9:21. ”dubbii kanaan kadhachaa utuun jiruu, gabri’el inni nama fakkaate ani duraan mul’atatti nan arge, yeroo aarsaa galgalaatti dadhabee utuun jiruu balali’ee...