logo gs

6.Intalli an jaaladhee fuudhe, Durbummaa hin qabdu.

Gaaffii: Intala takka jaaladhee walii gallee fuudhe. Fuudhatti seenuun dura intala durbaatiin barbaada jedhee itti hime. Isiinis durbummaa narraa hin dhabdu naan jennaan anis fuudhatti seene. Halkan fuudhe san Durbummaa irraa dhabe akkam godhuu qaba?

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii; Intalti durbaa takka hogguu fuudhuu feetu isii laallachuun dirqama keeti. Kana jechuun waliin ciisuu osoo hin ta’in isii mormaa ol laallachuu dandeessa. San booda osoo fuudhatti hin seenin odeeffannoo gahaa irraa fudhachuu qabda. Eega isii irraa argattee booda, namoota naannoo isii ykn isiidhaan sirritti walitti dhiheenya qaban irraa qorachuu qabda. Bultiin sobaan yoo ijaaramte rakkinna jabaa hordofsiifti. Kanaaf halkan fuutee waadaa isiin siif seente san irraa dhabde sanirraa kaasee filannoon keeti. Feetu baasii sirna san ijaaruuf baafte gaafachuu; yoo feetes dhiifteefii geggeessuu mirga qabda. Maaliif?  jennaan si sobde waan taheef. Yoo dhiiftee obsitee waliin jiraattes rakkinna wahiituu hin qabu. Asirratti filannoo keetu murteessaadha.

Dr. Liwaa’ulislaam

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*