Deebii: Rabbiin Qur’aana keessatti waan dandeettaniin qara’aa jedhe. sababa qur’aana Qara’uu dhiifteef salaanni kee hin badu. Garuu faatihaan Arkaana salaataa keessa waan galtuuf jecha, faatihaa dhiifnaan salaanni kee bade.
Muslimootni dhimma suuratul Faatihaa irratti xiyyeeffannaan hojjachuu qabu. Suuraa kana qomatti qabachuun haalaan barbaachisaadha. Sababni isaa Ergamaan Rabbii Sallallaahu Alayhi Wasallam, “Nama Faatihaa hin qara’iniif salaatni isaa hin jiru” jedhan. (Bukhaarii 756, Muslim 394)
Faatihaan arkaana salaataati. Qaama salaataa akkaan barbaachistuu taateedha. Imaama namaan salaataa jiru irrattis, nama imaama duubaan salaataa jiru irrattis, akkasumas nama kophaa salaataa jiru irrattis dirqama. Kanaafuu salaataaf jecha Faatihaa barachuun dirqama.
Sababa afaan beekuu dhabuutiin ykn ammoo reef islaamummatti seenuutiin namni qara’uun itti ulfaatu ni jira. Namni kun haga danda’een faatihaa barachaatuma salaata isaa tartiiba eegee salaata. Yoo humnaa ol itti ta’ee qara’uun ykn arraba qajeelfachuun itti ulfaate badiin irra hin jiru. Haa ta’u malee waan san sirreeffachuuf carraaquun isaa dirqama.