Islaamummaan amantii bal’aa fi guutuu ta’ee fi gama jireenyaa hunda kan hammatu yoo ta’u, kan hawaasummaa, dinagdee, amantii, fi siyaasaas ta’e kan biroo kamiyyuu kan hammatudha. Haala kanaan siyaasa shaakaluun hanga barsiisaa fi seera Islaamaa wajjin walsimutti haraama miti.
Dhimma kana ilaalchisee hayyuun Musliimaa beekamaan Sheek Yuusuf Al-Qaradaawii akkas jedha: “Islaamummaan gama jireenyaa hunda;siyaasaa, hawaasummaa, dinagdee fi kanneen biroo akka ilaalu namoota hundaaf ifa ta’uu qaba.Aslimummaan siyaasaa wajjin waan wal qabatu hin qabu erga jennee booda, adeemsa hunda galeessa waaqa irraa mul’ate ta’uu dhiisa.
Islaamummaan gama siyaasaa jireenyaa ilaallata kan jedhu yoo ilaalle, sababni lama qaba:
1- Islaamummaan siyaasa irratti ejjennoo ifa ta’ee fi dhimmoota akka siyaasaatti ilaalaman irratti murtii kallattiin kan kennudha. Islaamummaan dogmaa ykn gocha ibaadaa jireenyaa wajjin wal hin qabanne qofa miti; kanaa mannaa, jireenya namaa hunda galeessa ta’eedha. “Islaamummaan sirna hunda galeessa, damee jireenyaa hunda kan ilaallatudha;mootummaa fi biyya qe’ee, ykn mootummaa fi saba;safuu fi aangoo, ykn araara fi haqaa;aadaa fi seera, ykn beekumsaa fi seera;qaama fi qabeenya, ykn bu’aa fi badhaadhina; Jihaadaa fi waamicha, dhumarratti amantaa fi waaqeffannaa dhugaa, akkuma ol’aanaa kan qulqulleessan Imaam Hasan Al-Bannaan.
Amalli dhugaan muslimaa akka Islaamummaan barbaadutti nama siyaasaa ta’uuf isa dirqisiisa. Muslimni hundi dirqama Islaamaa waan gaarii ajajuu fi badii dhoowwu raawwachuutu irraa eegama. Akkasumas, obboleeyyan isaa muslimaa fi hoggantoota saba muslimaa hundaaf gorsa kennuun itti gaafatamummaa muslimaa hundaati. Nuti, Muslimoonnis surat Al-`Asrii keessatti akka gaariitti ajajnu fi obsa irratti akka cimnu ajajamneerra
Rabbiin akkana jedha: