Dhibeen Koronaa, Chaayinaan guutuu biyyattii keessatti, buufataalee xiyyaaraa, Baabura fi konkolaataa dbalatee iddoowwan daldalaa keessatti keellaa too’annoo dhaabuun namoota Vaayirasichaan qabaman adda baasuuf kan carraaqaa jirtu tahuu gabaafame. Naannawa biyyattii Hubei jedhamu kan jalaqaba Vayirasichi keessatti mulidhatetti labsiin yeroo muddama kan labsame yoo tahu, ogeeyyonni fayyaa humna waraana biyyattii 450 ol gara magaalaa Wuhan kan bobbaafaman tahuun ibsame.
Vayirasiin jalqaba Chaayinaa keessatti argame kun, yeroo ammaa guutuu addunyaa keessatti babal’ataa jira. Haaluma kanaan hanga ammaatti biyyoota namoonni Vaayirasii kanaa qabaman argamuu ibsan jidduu, Ameerikaa, Awustraaliyaa, Faransaay, Maleezhiyaa, Taaywaan, fi Neeppaal keessatti argamu. Namoonni Vaayirasichi irratti argame hundinuu kanneen dhiheenya Chaayinaa irraa deebi’an tahuu gabaafame.
Dhibeen Vaayrasii Koronaa jedhamuun nama irra namatti darbu, hanga ammaa lammiilee Chaayinaa 1300 ol kan qabate yoo tahu, ogeeyyota fayyaa dabalatee namoonni 41 dhibee kanaan du’uu mootummaan biyyattii beeksise. Kanuma hordofuun Vayirasii saffisaan tatamsa’aa jiru kana too’achuuf, mootummaan Chaayinaa imala gara magaalota 18 olitti godhamu ugguree jira. Haaluma kanaan magaalota ummanni miiliyoona 60 ol keessa jiraatu kanneen seenuu fi bahuunis dhoorkamee jira.
Vaayirasichi hanga ammaatti gara Afrikaatti tamsa’uu kan hin gabaafamin tahus, hanqina teeknolojii, ogeeyyootaa, sirna ittisaa fi too’annoo dadhabaa biyyoota Afrikaatiin wal qabatee Vayirasichi tasa miliqee seennaan lammiilee Afrikaa heddu galaafatuu mala sodaan jedhu jiraachuu ibsame. Haaluma kanaan Biyyoota Afrikaa too’annoo dhibee kanaa dursanii cimsan jidduu Afrikaa Kibbaa, , Keeniyaa, Masri keessatti fii Naayijeeriyatti argaman. Mootumman Ityoophiyaatis buufata xiyyaara Boolee keessatti keellaa too’annoo Vaayirasichaa kan dhaabu tahuu Jum’aa kaleessaa beeksise jira.