Gaaffii: Abbaan kiyya hin salaatu isaa hin salaanne du’ee, irraa sadaqachuuf jennaan irraa hin sadaqatin, sadaqachuu hin dandeettu naan jedhanii,  mee akkamitti abbaa kiyyaa waa godhuu danda’aa,  yaa Rabbi araaramiif jechuu danda’aa?

Deebisaa: Yoo inni salaata diddaa isiitiif didee du’e, salaata uzrii takka malee dabarsee ka takkaahuu hin salaanne taate, ka ammoo salaanni waajiba ta’uu inni beeku, ka jaahilummaan akkasii itti hin jirre taate, ka yeroo du’u sanuu salaata hin qabne taate, halaa kanaan du’aa’ii godhuufiinillee jajjabduudha, sadaqaa kennuufiinillee jajjabduu dha. Garuu haala isaa sana beekuun dirqama. Haala inni irratti du’eef salaata waajiba ta’uu ni beeka moo hin beeku, nama diiniin dhaqabee salaatni kun waajiba ta’uun dhaqabe moo hin dhaqabne, ollaa inni jiru biyya inni keessa jiru sheekkotiin jirtii diiniin jiraa islaamni jiraa? Kana waan hedduu waan gaafatantu jira, kanaafuu akkasitti adda baafachutu si barbaachisa.

 

Sheek Alii Jimmaa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*