Ameerikaan Kibbaa ardii Ameerikaa Kaabaa irraa gara kibbaatti argamtudha. Ardiileen lamaan kun Sulula Paanaamaan addaan baafamaniiru. Ardiileen torba kanneen addunyaa kana ijaaran yoo ta’u, Ameerikaan Kibbaa sadarkaa 4ffaa irratti argamti. Ameerikaan Kibbaa biyyoota 12 of keessatti qabata: Arjentiinaa, Booliiviyaa, Biraazil, Chiilii, Kolombiyaa, Ikuwaadoor, Gaayana, Paaraaguway, Peeruu, Surinaam, Uraagaay fi Veenzuweelaa.
Ameerikaan Kibbaa daangaa Paanaamaan Ameerikaa Giddugaleessaatti maxxantee jirti. Teessuma lafaatiin Paanaamaan hundi – kutaa bahaa Sulula Paanaamaan dabalatee yeroo baay’ee Ameerikaa Kaabaa qofa keessatti hammatama,biyyoota Ameerikaa Giddugaleessaa keessaa.
Biyyoota Ameerikaa Kibbaa
Bakka | % total |
Naannoo km2 |
Naannoo mi2 |
---|---|---|---|
Ameerikaa kibbaa | 100% | 17,830,199 | 6,884,275 |
Brazil | 48% | 8,510,346 | 3,285,862 |
Argentina | 16% | 2,796,427 | 1,079,706 |
Peru | 7% | 1,285,216 | 496,224 |
Colombia | 6% | 1,141,748 | 440,831 |
Bolivia | 6% | 1,098,581 | 424,164 |
Venezuela | 5% | 929,690 | 358,955 |
Chile | 4% | 756,102 | 291,932 |
Paraguay | 2% | 406,752 | 157,048 |
Ecuador | 1% | 257,215 | 99,311 |
Guyana | 1% | 214,969 | 83,000 |
Uruguay | 1% | 173,626 | 67,037 |
Suriname | 0.9% | 163,820 | 63,251 |
French Guiana (France) | 0.5% | 83,534 | 32,253 |
Falkland Islands (United Kingdom) | 0.1% | 12,173 | 4,700 |