Isin Ergaa Iccitii ta’e waliif erguuf app kam fayyadamtu?
Yeroo interneetii fi Bilbiloota Ammayyaawaan guddachaa dhufan, ergaa (messaging) wal jijjiiruun addunyaa guutuu keessatti baay’ee salphate. Haa ta’u malee, iccitii (security) fi dhuunfa namaa (privacy) eeguuf yaaliin guddaan taasifamee jira.
Mee App armaan gadi jiran sadarkaa Iccitii isaanii haa ilaallu isin kana irratti hundaa’uun filachuun Fayyadamaa.
1.Whatsapp
- 2009tti hundaa’e.
- Jalqaba iccitii jabaa hin qabu ture.
- Bara 2016 irraa kaasee end-to-end encryption fayyadamuu eegale.
- WhatsApp’n Meta (Facebook) jalatti argama.
- Ergaan iccitii cimaa ta’ullee, metadata (eenyu eenyutti ergaa erge, yeroo, lakkoofsa addaa bilbila) ni kuusa.
- Uummata miliyoonaan lakkaa’amu fayyadamaa jira.
Application Waliin Dubbii Yeroo Ammaatti Iccitii Eega Jedhamee Fayyadamamuu irratti argama.
2.Telegram
- 2013tti hundaa’e.
- Cloud-based messaging irratti xiyyeeffata.
- Chaatii normal irratti encryption guutuu hin qabu (Telegram server irratti kuufama).
- Secret Chat jechuun ergaa iccitii guutuu (end-to-end encryption) qabu kenna.
- Uummata miliyoonaan lakkaa’amu fayyadamaa jira.
3. Signal
- 2014 keessatti Open Whisper Systems dhaan hojjatame.
- Sirna ergaa iccitii guutuu (end-to-end encryption) cimaa qaba.
- Signal Protocol jedhu, amma WhatsApp fi Facebook Messenger keessattis fayyadaman, hoggansa ergaa iccitii ta’e keessaa tokko.
- Odeeffannoo dhuunfaa hin kuusu.
- Baay’ee filannoo #1 jedhamee amanamaa dha.
3. Threema
- 2012 keessatti Switzerland keessatti hundaa’e.
- Iccitii jabaa fi fayyadamaa dhuunfa isaanii hin beekkamne irratti xiyyeeffata.
- Lakkaddaa bilbila hin barbaadu – ID addaa kenna.
- End-to-end encryption ni qaba.
- Fayyaa jabaa iccitii barbaadan biratti beekama.
Walumaa Galatti akka armaan gadiitti tarreeffamu
✅ Signal – Seenaa fi amanamummaan iccitii cimaa qaba.
✅ Telegram (Secret Chat) – Filannoo biraa iccitii barbaachisuuf.
✅ WhatsApp – Uummata hedduu biratti beekama, iccitii gaariidha.
✅ Threema – Beekkamtii xiqqoo, iccitii jabaa.