WHOn tamboo mi’aawaa fi oomishaalee nikootiinii dhorkuuf tarkaanfii hatattamaa akka fudhatamu gaafatee jira

Guyyaa Tamboo Hin Qabne Addunyaa (WHO) guyyaa har’aa maxxansa haaraa eegaluun mootummoonni dargaggoota araadaa fi dhukkuba irraa eeguuf sigaaraa, kiisha, hookaa fi e-sigaaraa dabalatee mi’aa tamboo fi oomishaalee nikootiinii hunda hatattamaan akka dhorkan gaafatee jira. Mi’aan akka menthol, bubble gum fi cotton candy gara jabina tamboo fi oomishaalee nikootiinii haguugee oomishaalee summii qaban gara baala...

yaada daa’imman RSV – vaayirasii siinsitii sirna hargansuu irraa eeguuf kennaman

WHOn daa’imman RSV – vaayirasii siinsitii sirna hargansuu irraa eeguuf yaada kenna. Har’a Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) waraqaa ejjennoo isaa isa jalqabaa oomishaalee talaallii daa’imman vaayirasii sirna hargansuu (RSV) irraa eeguuf – sababa infekshinii sirna hargansuu gadii cimaa daa’immanii akka addunyaatti adda duree ta’e irratti maxxanseera. Waggaa waggaan RSVn addunyaa guutuutti daa’imman umuriin isaanii waggaa...

10. Gabbarri akka shari’aatti akkami laallama?

Ummanni keenna Aadaa godhatee Yeroo fuudhaa fi heerumni gahe, Dubartii takka heerumsiisuuf Gabbara gaafatan. Yoo gabbara kana kaffaluu dhabee died, Hukmii shari’aatti maaltu narra jira? Deebisaa: Yaa Jara keenna! Hukmii shari’aatii fi Aadaa wal keessa hin laaqinaa. Fuudhaa fi heerumni yeroo raawwatamu gabbara kaffali, waan Haadhaa fi Abbaa, Eessumaa, Adeeraa, Adaadaa, dabalatee kana fidii san fidii wanti jedhamu...

9.Dubra xixiqqoo heeruma hin gahin haga guddattuuf, akka eeggatuuf ammatti nikaaha namaa godhuun akkami?

Deebisaa: Nikaahni waan taphaa osoo hin taane waan akkaan jabaadha. Kanaafuu xiqqeenyaa fi guddina yookaan qabeenyaa fi hiyyummaadhaan adda hin baafamu. Hukmii Shari’aa keessatti ijoollee xixiqqoo nikhaha hidhuun ni jira. Ragaan kanaa-Sahbtichi guddaan Abi Bakhri As-Siddiiq-Rabbiin dalagaa isaa gaggaarii irraa haa jaalatuu- intala isaa A’ishaa (RA) tan amata 6 ykn 7 jirtu nabii keenyaaf (SAW) nikhaha...

8. Namni bultii jaaruuf jecha walii kakate, eegasii kakuu san diige akkam godhuu qaba?

Nama tokko wajji waadaa waliif gallee nikaaha hidhanne. Boodarra garuu waa irratti argee beellama san yoo diige, Nikeenni hoo ni diigamaa?   Deebisaa Ulamoota biyya alaa Gaaffiin tun dhimma lama if keessaa qabdi 1ffaa Kakuu diiguu: Namni tokko dhimma tokko irratti maqaa Rabbiitiin yoo kakate, wanta san guutuu qaba. Haaluma kanaan “ani simalee hin heerumu”...

7.Dubartiin takka jaarsa isiitiin na hiiki jechuu dandeettii ?

Gaafii: Dubartiin takka Abbaa mana isii hiikkaa yoo gaafatte Jannanni isii irratti haraama jedhan. An garuu rakkinna keessa jiru irra dhaabbadhee Abbaa mana kiyyaa hiikkaa yoo gaafadhe tahaa? Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii. Hiikkaan halaali. Halaala sanirraa immoo irra jibbamaadha. Jibbamaa tayullee hiikkaan wanni godhamteef furmaataafi. Namni Lama haala jiruu walitti hadheessuun waliin jiraachuun rakkinna jabaadha. kanaaf...

6.Intalli an jaaladhee fuudhe, Durbummaa hin qabdu.

Gaaffii: Intala takka jaaladhee walii gallee fuudhe. Fuudhatti seenuun dura intala durbaatiin barbaada jedhee itti hime. Isiinis durbummaa narraa hin dhabdu naan jennaan anis fuudhatti seene. Halkan fuudhe san Durbummaa irraa dhabe akkam godhuu qaba? Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii; Intalti durbaa takka hogguu fuudhuu feetu isii laallachuun dirqama keeti. Kana jechuun waliin ciisuu osoo hin ta’in isii...

5. Hojii Dallaalummaa hajjachun Halaala moo Haraama?

Deebii gabaabaa Wanti bitaniifi gurguran hundi beekumsatti haajomti. Fakkeenyaaf namni tokko yoo lafa bitachuu fedhe; Waa’ee lafa sanii, gatii magaalaan ittiin jirtu, haala qilleensaa, seera qabeessummaa dachii sanii fi waan heddu beekuu qaba. Kana beekuuf ammoo qorannoo guddaa godhuun isarratti dirqama. Gama birootiin namni gurguratus lafa san gurguruuf nama itti gurguru argachuu qaba. Kanaaf ammoo...

3. Afeerraa namni Ribaa nyaatu qopheesse orratti hirmaachuun danda’amaa?

Gaafii: Namni tokko dhala/ribaa nyaachuun beekama. Yoo namni kun Jigii/Guuza/Daboo nama yaame, affeerraa isaa kanarratti hirmaachuun danda’amaa? Nyaata inni qopheesse hoo nyaachuun hayyamamaa? Deebisaa: Namtichi kun qabeenyi isaa guutumattuu 100/100 dhala tahuun yoo beekame, isarraa nyaata nyaachuun haraama taha. Jigii isaa irrattis hirmaachuun hin hayyamamu. Nama akkanaa irraa fagaachuu barbaachisa. Gama birootiin yoo namtichi qabeenya garagaraa qabaatee,...