Eeshiyaa
Eeshiyaan bal’ina lafaa fi baay’ina namootaatiin ardii guddittii lafa irra jirtudha. Irra caalaa hemisfeera kaabaa keessa jira. Eeshiyaan dhihaan Awurooppaa, kibbaan ammoo Afrikaa waliin wal qunnamti. Yeroo tokko tokko Eeshiyaa fi Awurooppaan walitti makamuun ardii guddaa Yureeshiyaa jedhamtu uumu. Qaroominni dhala namaa durii tokko tokko Eeshiyaa keessatti kan jalqaban yoo ta’u, fakkeenyaaf Sumer, Chaayinaa fi...






