21. Seenaa Nabi Yunus (عَلَيْهِ ٱلسَّلَامُ)
Yunus Ibnu Mataa Ergamaa Rabbii (سُبْحَٰنَهُۥ وَتَعَٰلَىٰ) magaalaa kaaba Iraaq keessatti ummata kuma dhibbaa ol qabdu Nanawweetti ergame ture. Nabi Yunus (عَلَيْهِ ٱلسَّلَامُ) nama idilee lammii Nanawwee keessaa dhalatee guddate fakkaata. Magaalaan Nanawwaa guddachaa turte kun yeroo dheeraaf ergaa Rabbii (سُبْحَٰنَهُۥ وَتَعَٰلَىٰ) dagattee magaalaa waaqa tolfamaa waaqeffachuu fi cubbuun guutamte taate. Rabbiin (سُبْحَٰنَهُۥ وَتَعَٰلَىٰ) Nabi...