Haati tiyya anaa diqqaa manarraa na ariite, eegasii biyyaa bahee islaama tahe, haadha tiyya tiyya san laaluu ni danda’aa?

Haati tee kaafirallee taatu, warri keessan kaafirallee ta’u keessaahuu haadhaaf Abbaa keessan manxanfatuu qabdan. Waan dandeettaniin ka diinaa keessan madeessuu hin dandeenneen isaaniif tola ooluu ni dandeessu. Daliilli Asmaa bintu Abubakar obboleettii Ayishaadhaa Rasuula Rabbiititti dhuftee, madiinaadhatti. Waan jetteen, haadha tiyya kaafir*a magaalaa makkaa irraa kaatee natti duftee, akka ani isiidhaaf tola barbaadu barbaaddii maal...

gama Islaamummaa dhufuuf Masjiida Dhaquun Dirqamaa?

mucaan takko akki jedhu ‘namni dhiiraa tokko irra deddeebiidhaan shahaadaa qabachuu barbaadaa masjiida na geessi’ naan jedha. Wayta an masjiida geessu ammoo ‘namni kun nama farshoo dhuguu waan taheef, nama hamaadha’ jedhanii ofirraa na deebisu. Yeroo biraatis namni kun natti deebi’ee, ‘Yoo Masjiida sanitti didan bakka birallee haa tahuu, na geessi islaamummaa qabachuu barbaada’ naan...

Qabrii bareechisuu.

Qabrii bareechisuu fi kunuunsuun hin barbaachisu.   Fakkeenyaaf waan akka Abaaboo keessa dhaabuu, mukkeenii fi wantoota garagaraatis keessatti dhaabuun  barbaachisu. Shiekh Muhammad ibn Ibraahim ibn Aal ash-shiekh akkana jedhan, “qabrii bareechisuu fi keessatti biqiltoota dhaabuun, waan islaamummaan ajajjee miti. Wanti akkanaatis hin hayyamamu. Kun warra nasaaraa akkeessuutu keessa jira. Warri kiristaanaa qabrii isaanii bakka bashannanaa...

11. akka shari’atti Gabbarri akkami?

Deebisaa: Hukmii shari’aatii fi Aadaa wal keessa hin laaqinaa. Fuudhaa fi heerumni yeroo raawwatamu gabbara kaffali, waan Haadhaa , Abbaa, Eessumaa, Adeera, Haboo, Adaadaa, dabalatee kana fidii san fidii wanti jedhamu kun dogongora. Wanti guyyaa kana kennamu cufti maqaa intalaatin, maqaa mahriitiin kennamuu qaba. Guyyaa kana waan meeshaa, akkasuma ka uffata isii fidi yoo siin...

10. Namni tokko intala takka yoo fuudhuu fedhee laallate akkam?

Deebisaa: Namni dhiiraa ka intala fuudhuuf barbaaduu fi intaltis tan heerumuu barbaaddu wal laallachuun islaamummaa keessatti halaali. Haadhaa fi abbaan intala tiyya laaluun hin ta’u jedhanii yoo dhoorkan, wallaalummaa isaaniiti. Wal laallatiinsa jechuun garuu daangaa qaba. Hoteelaa fi kaafteeriyaa addaa keessa kophaa wajjiin deemanii bashannanuu, wajji waan haraam dalaguu miti. Wal laallatiinsa yoo jedhamu waan daqiiqaa...

9. Adurreen Salaata ni balleessitii?

Gaaffii: Yeroon salaatu Adurreen narra naannofti salaatni koo ni badaa? Deebiii: Ergamaan Rabbii Sallallaahu Aaleyhi Wassallam dhimma adurreetiin wal qabatee akkas jedhan, “bashoon ykn adurreen khaadima keessan kan mana keessaati. Hoggaa nyaattanii fi dhugdan isiniin naannayu.” Walumaa galatti bashoon ykn adurreen salaata keessa sitti mammaramuun salaata kee hin balleessu. Fatawaa biyya alaa Adurreen qulqulluudha.  Kanaafuu adurreen...

8. Gaaffii: Namni tokko osoo Qur’aana hin qara’in yoo salaata salaate, salaatni isaa akkami?

Deebii: Rabbiin Qur’aana keessatti waan dandeettaniin qara’aa jedhe. sababa qur’aana Qara’uu dhiifteef salaanni kee hin badu. Garuu faatihaan Arkaana salaataa keessa waan galtuuf jecha, faatihaa dhiifnaan salaanni kee bade. Muslimootni dhimma suuratul Faatihaa irratti xiyyeeffannaan hojjachuu qabu. Suuraa kana qomatti qabachuun haalaan barbaachisaadha. Sababni isaa Ergamaan Rabbii Sallallaahu Alayhi Wasallam, “Nama Faatihaa hin qara’iniif salaatni isaa hin...

7. Salaata garii dhiisaa garii salaatuun akkamitti ilaalama?

Gaaffii: Nama salaata tokko salaata tokko dhiisu ammoo kan sadaqatu maal godhu? sadaqaan isaa sun salaata isaa irraa bakka bu’uu danda’aa?  Qadaa ni deebisaa? Deebii:  Bakka hin buutu. Nasihaa godhaniif akka walitti dhaabee salaatu. Towbadhu gama Rabbi kankeeti kadhu. Yoo kan beeku taate guyyaa inni irraa dabre sana qadaa deebisa. Yoo kan hin beeyne taate...

6.Nikaahni nama duubaan godhamu akkami?

Anaa fi intalti takka wal jaalanne. Eega wal jaalanneen booda warri keenya lamaan walitti dhufanii nikaaha nama godhus waaman. Garuu guyyaa nikaaha godhan san ‘eenyuun bakka buufatta’ naan hin jenne, ‘hayyama godhi’ naan hin jenne. Anuma duubaan nikaaha godhan. Nikaahni kun akkamitti laallama? Deebii: Nikaahni ulaagaa afur ykn shan qaba. Inni duraa, abbaan intalaa intala namaa...

5. Hojii Dallaalummaa hajjachun Halaala moo Haraama?

Deebii gabaabaa Wanti bitaniifi gurguran hundi beekumsatti haajomti. Fakkeenyaaf namni tokko yoo lafa bitachuu fedhe; Waa’ee lafa sanii, gatii magaalaan ittiin jirtu, haala qilleensaa, seera qabeessummaa dachii sanii fi waan heddu beekuu qaba. Kana beekuuf ammoo qorannoo guddaa godhuun isarratti dirqama. Gama birootiin namni gurguratus lafa san gurguruuf nama itti gurguru argachuu qaba. Kanaaf ammoo...