3. Afeerraa namni Ribaa nyaatu qopheesse orratti hirmaachuun danda’amaa?

Gaafii: Namni tokko dhala/ribaa nyaachuun beekama. Yoo namni kun Jigii/Guuza/Daboo nama yaame, affeerraa isaa kanarratti hirmaachuun danda’amaa? Nyaata inni qopheesse hoo nyaachuun hayyamamaa? Deebisaa: Namtichi kun qabeenyi isaa guutumattuu 100/100 dhala tahuun yoo beekame, isarraa nyaata nyaachuun haraama taha. Jigii isaa irrattis hirmaachuun hin hayyamamu. Nama akkanaa irraa fagaachuu barbaachisa. Gama birootiin yoo namtichi qabeenya garagaraa qabaatee,...

Wantoota Soomana Balleessan

Walqunnamtii Saalaa Raawwachuu. Namni soomni tokko haadha manaa isaa wajjin wal qunnamtii saalaa yoo raawwate soomni isaa ni haqama, guyyaa sana, kan walqunnamtii saalaa akkasii raawwate sana bakka buusuuf dirqama itti ta’a. Kana malees, namni tokko guyyaa akkasii bakka buusuuf qofa osoo hin taane, kaffaaruuf dirqama qaba. Kaffaarri gocha akkasii gabricha bilisa baasuu yoo ta’u,...