Gaafii:_ Namni tokko yoo daangaa Rabbii cabse, ifuma isaatii f karaa Rabbiitti deebi’a moo, nama biraatu, akka nama Islaamummaa qabsiisutti, shahaadaa isa deebisuu qaba?
Olomaa’ii biyya keennaa.
Deebii:_ tokkoffaa, Namni tokko islaamummaa seenuu yoo fedhe osoo nama hin eegin ifumaa isaatii shahaadaa qabatee islamummaa seenuu ni dandaha. Namnis yoo shahaadaa isa qabsiise rakkoo hin qabu.
Lammaffaa:- Namni badii dalagee daangaa Rabbii cabse ammoo, ifuma isaatii towbatee kara Rabbii isaa ufumaf deebi’a malee, abalu koottu towbaa naqabsiisi jechuun isarra hin jiraatu. Sumatu Karaa Rabbii keetii towbaa deebi’ee Rabbii kee kadhata.
۞ قُلۡ يَٰعِبَادِيَ ٱلَّذِينَ أَسۡرَفُواْ عَلَىٰٓ أَنفُسِهِمۡ لَا تَقۡنَطُواْ مِن رَّحۡمَةِ ٱللَّهِۚ إِنَّ ٱللَّهَ يَغۡفِرُ ٱلذُّنُوبَ جَمِيعًاۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِيمُ
يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ تُوبُوٓاْ إِلَى ٱللَّهِ تَوۡبَةٗ نَّصُوحًا
Yaa warra amantan! gara Rabbiitti tawbadhaaTawbaa qulqulluu (Towbadhaa).
Aayatoota lameen kana irraa wanii hubannu, kan jalqabaa-Dilii hundaahuu Rabbiin kan namaaf araaramu tahuu. Kan lammataa ammoo akka Rabbiin namaaf araaramu haal dureen kaahame, Towbaa qulqulluu onnee irraa taateen gara Rabbiitti deebi’uudha.
Towbaa qulqulluu jechuun: dilii dalagaa turan san dhiisuu, dilii duraan dalagaa turan saniif sheenahuu, lammata kan itti hin deebine tahuudhaaf onnee irraa murteessuudha. Kana ammoo kan godhaaniif Rabbiin irraa mindaa argachuu fi qixaaxa isaa jalaa bahuuf yaadamee niyyaa qulqulluun tahuu qaba.
Badiin dalagan ilma namaa biroo irratti qabeenya isaa fudhachuu, dhiiga dhangalaasuu, maqaa xureessuu fi kkf yoo tahe ammoo, haqa nama sanii deebisuu fi yookaan ammoo dhiifama isa gaafachuun dirqama. Nama tokko kabaja isaa diqqeessanii fakkeenyaaf hamiidhaan, yoo ammoo dhiifama gaafachuudhaaf hin danda’amin, heddummeessanii du’aa’ii isaaf godhuufi bakka inni hin jirretti bakka isa itti hamatan sanitti, waan gaarii inni qabu dubachuun barbaachisaadha.
Haatahuu, garuu diliin dalagan guututti tan islaamummaa keessaa nama baaftu yoo taate, irra deebiin shahaadaa qabachuun dirqama.
Sheikh Saalah Al Munajjid




