Hayyuu Guddaan Qorannoo Qur’aanaa fi Saayinsii beekamaan Dr. Zagluul Al Najjaar Gama fuula Rabbii adeeman
Innaa lillaahi wa’innaa ilayhii raaji’uun
Spider Media: Jumada I 18, 1447 AH
Saayinsii raajii Qur’aanaa waliin walqabsiisuun qorannoo bal’aa gaggeessaniin kan beekaman Hayyuun lammii Masrii Dr. Zaghloul Al Najjar umrii isaanii waggaa 92tti har’a Joordaan magaalaa Magaalaa Ammaan keessatti gama fuula Rabbii adeemaniiru.
Doktar Al-Najjaar hayyoota beekamoo saayinsii uumamaa raajii/mu’jizaa Qur’aana Qulqulluun walqabsiisuun qorannoo gaggeessaniin gumaacha guddaa taasisan keessaa tokko.
Hayyuun lammii Masrii ji’ooloojiin digrii doktorummaa qaban Dr. Al-Najjaar hundeessitoota sochii dinqii saayinsii beekamoo ta’an keessaa tokko yoo ta’an miseensa hundeessitoota Waldaa Dinqii Saayinsii Addunyaa Qur’aanaa fi Sunnaa keessattiifi akkasumas miseensa Akkaadaamii Saayinsii Islaamaa turani.
Waraqaawwan qorannoo saayinsii 150 ol kan maxxansiisan yoo ta’u Afaan Arabaa, Ingiliziifi Faransaay dabalatee afaanota garaa garaatiin kitaabota 45’n barreessanii maxxansiisaniiru.
“Mallattoowwan Dinqii Saayinsii Irraa,” “Namni Dhaloota irraa kaasee hanga du’aa ka’uutti Qur’aana qulqulluu keessatti,” “Saayinsii lafaa Qaroomina Islaamaa keessatti,” “Seenaa Uumamaa,” fi “Raajii Saayinsii Sunnah Ergamaa Rabbii keessatti” kanneen jedhan kitaabota hayyuu kanaan barrahan keessaayi.
Dr. Zaghloul El-Naggar damee biyyoota Eeshiyaa, Awurooppaafi Amerikaa garaa garaa heddu keessa naanna’uun saayinsiifi raajii Qur’aanaa Qulqulluu walbira qabuun ergaa ifaa, amansiisaafi haqa ta’e hawaasaan ga’uun waggoottan dheeraaf namoota gara amantaa Islaamaatti waamaa ture.
Dr. Zaghloul El-Naggar damee “raajii saayinsii Qur’aana Qulqulluu keessatti” jedhu irratti fedhii guddaafi carraaqqii bal’aa, adda ta’ee fi beekamaa kan qaban yoo ta’u, kunis karaa daandii dhugaa tokkicha gara amantaa Islaamummaatti namoota waamuuf karaa hunda caalaa barbaachisaa fi bu’a qabeessa ta’e akka ta’etti waan amananiif daandii jireenyaaf filatan ta’uu ragaan galmee seenaa isaanii Spider Media n Al-Masry irraa argate ni mul’isa.
Duraan waa’ee hanqina hayyootni Muslimaa da’awaa irratti gama kanaan qaban jedhanii irratti akkana jedhu turani Dr. Zaghloul:
“Hayyoonni Muslimaa dhimma dinqii saayinsii irratti xiyyeeffannaa kennanii ragaa saayinsii ifa ta’e utuu dhiheessanii, malawwan gara Allaah isa hundumaa danda’utti waamuuf gargaaran keessaa isa tokko ta’a ture.”
Kana jechaa kan turan hayyun kun qaawwa kana ofumaaf furmaata itti kennuuf murteessanii qo’annoo saayinsii fi amantii isaaniitiin, ergaawwan lamaan kana walitti makuun addunyaa guutuuf haqa qulqulleessuuf dandeettii akka qaban amananii beekumsa barbaachisu irratti goonfachuun itti seenan.
Raajiiwwan Qur’aanaa qo’annoo Saayinsiitiin mirkaneessuufi dhugaa ba’uufiin Dr. Zaghloul dargaggummaa isaanii irraa kaasee biyya keessaafi ala naanna’uun gara Rabbii isa hundumaa danda’utti, gara karaa dhugaa tokkicha ta’e Islaamummaatti namoota waamaa turan.
Rabbiin hojii gaarii isaanii isaan irraa haa qeebalee qubsuma isaaniis Jannatul Firdawsiin isaaniif haa godhu.




