Eeshiyaan bal’ina lafaa fi baay’ina namootaatiin ardii guddittii lafa irra jirtudha. Irra caalaa hemisfeera kaabaa keessa jira. Eeshiyaan dhihaan Awurooppaa, kibbaan ammoo Afrikaa waliin wal qunnamti. Yeroo tokko tokko Eeshiyaa fi Awurooppaan walitti makamuun ardii guddaa Yureeshiyaa jedhamtu uumu. Qaroominni dhala namaa durii tokko tokko Eeshiyaa keessatti kan jalqaban yoo ta’u, fakkeenyaaf Sumer, Chaayinaa fi Hindii. Eeshiyaan bakka dhaloota amantiiwwan hedduu ture, fakkeenyaaf amantii Hindu, Zoroastrian, Yihudoota, Jainism, Budiizmii, Konfishiyaanism, Taoism, Kiristaanummaa, Islaamummaa fi Sikhism. Akkasumas impaayera gurguddoo tokko tokko kan qabu ture, fakkeenyaaf Impaayera Faarsi, Impaayera Mughal, Impaayera Moongol fi Impaayera Ming. Eeshiyaan biyyoota 48 qabdi. Joorjiyaa, Raashiyaa, Azarbaajaan, Kaazaakistaan, Turkii fi Giriik naannoo Awurooppaa fi Eeshiyaa keessa jiru.

Eeshiyaan lafa baay’ee of keessatti qabata. Bal’ina lafa addunyaa keessaa gara %30 kan uwwisu yoo ta’u, ardiilee biroo caalaa namoota baay’ee kan qabdu yoo ta’u, baay’ina ummata addunyaa waliigalaa keessaa gara %60 qaba. Kaabatti Arktiik qorraa irraa kaasee hanga lafa ikuwaatoorii hoʼaa fi danfaa kibbaatti kan diriire siʼa taʼu, Eeshiyaan gammoojjii gurguddaa duwwaa taʼan, akkasumas gaarreen olkaʼoo addunyaa fi lageen dheeraa taʼan tokko tokko of keessaa qabdi.

Eeshiyaan Galaana Meditiraaniyaanii, Galaana Gurraacha, Galaana Arktiik, Galaana Paasifikii fi Galaana Hindiitiin marfamtee jirti. Awurooppaa irraa gaarreen Pontic fi Turkish Straits tiin adda baatee jirti. Daangaan dheeraan irra caalaa lafaa gara dhihaatti argamu Awurooppaa fi Eeshiyaa addaan baasa. Sararri kun kaaba–kibbaa gaarreen Ural Raashiyaa keessatti gadi bu’ee, laga Ural irraa gara Galaana Kaaspiyanitti, fi gaarreen Kaukaas keessa darbee gara Galaana Gurraachaatti deema.

Tarree biyyoota Eeshiyaa.

  •  Islamic Republic of Afghanistan
  •  Armenia
  • Azerbaijan (teessuma lafaatiin Awurooppaa fi Eeshiyaa keessatti argama)
  •  Bahrain
  •  Bangladesh
  •  Bhutan
  •  Brunei
  •  Cambodia
  •  China
  •  Cyprus
  •  East Timor
  •  Georgia (teessuma lafaatiin Awurooppaa fi Eeshiyaa keessatti argama)
  •  India
  •  Indonesia (teessuma lafaatiin Eeshiyaa fi Ooseeniyaa keessatti argama)
  •  Iran
  •  Iraq
  •  Israel
  •  Japan
  •  Jordan
  •  Kazakhstan (teessuma lafaatiin Awurooppaa fi Eeshiyaa keessatti argama)
  •  Kuwait
  •  Kyrgyzstan
  •  Laos
  •  Lebanon
  •  Malaysia
  •  Maldives
  •  Mongolia
  •  Myanmar
  •    Nepal
  •  North Korea
  •  Oman
  •  Pakistan
  •  Palestine
  •  Philippines
  •  Qatar
  •  Saudi Arabia
  •  Singapore
  •  South Korea
  •  Sri Lanka
  •  Syria
  •  Tajikistan
  •  Thailand
  •  Turkey (teessuma lafaatiin Awurooppaa fi Eeshiyaa keessatti)
  •  Turkmenistan
  •  United Arab Emirates
  •  Uzbekistan
  •  Vietnam
  •  Yemen

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*