Fedhiin saalqunnamtii koo baayʼee waan natti baayʼateef, akkan hin baranneefi hin hojjenne na dhorkame. Maal gochuu qaba?
Deebii
Fedhiin kun dardara hundarra jira. Rasuulli S.A.W dawaa walii galaa kan nama hundaaf tahu nuuf dhaamanii jiran. Namni kun yoo humna qabaate jaartii haa fuudhu, Sanuma cinaan barnoota isaatis haa oofu. Yoo kana dadhabe ammoo haa soommanu. Kanas Ergamaa Rabbitu (a.s.w) nuuf dhaame.
Namni hundi fedhii foonii ni qaba. Garuu wanti rakkoo kana namatti hammeessu, qaama ofii toohachuu dadhabuudha. Namni waan hin taane dhageeffataa oolu, kan waan hin taane daawwataa oolu, fedhii ofii toohachuu hin dandayu. Namni baaxila (filimsex) laale nama sooqidda dhuge. Sooqiddi yoo dhugan dheebuu namatti dabala malee dheebuu nama hin baasu. Filmii haraamaa daawwachuun, wantoota rakkina kanaaf nama saaxilan keessaa isa hangafaati. Kanaafuu namni rakkoo tanarraa of oolchuu fedhu waan kana daawwachuurraa fagaachuu qaba.
Kan biroo saahiba gaarii qabaachuudha. Namni saahiba hamaa qabu waanuma hamaa dalagaa oola. Kanaafuu hiriyaa kheyritti isa ajajju, tan toltutti isa yaamtu qabaachuu qaba.