Gaara uumuun adeemsa walxaxaa dha. Fuulli gaarreen itti uumaman jabaa fi dhaabbataa dha. Qur’aana keessatti aayatni biraa ji’ooloojiif kenname akkas jedha:
وَٱلۡجِبَالَ أَرۡسَىٰهَا
Gaarreenis dachii irra ni dhaabe.
Suuraa 79:-32
Dhugaan biraa saayintistoonni argatan Qur’aana keessatti aayata ji’ooloojiif kenname keessatti argama:
وَجَعَلۡنَا فِي ٱلۡأَرۡضِ رَوَٰسِيَ أَن تَمِيدَ بِهِمۡ وَجَعَلۡنَا فِيهَا فِجَاجٗا سُبُلٗا لَّعَلَّهُمۡ يَهۡتَدُونَ
Dachii keessatti akka isheen isaaniin hin sochoone gaarreen (lafa qabataa) taasifneerra, Ishee keessatti daandiwwan gugurdaa akka ittiin qajeelaniif isaaniif taasifneerra.
Suuraa 21:-31