Gaaffii:

Gaafa tokko sadaqaa niyyadheetiin gargaarsa masjiida tokkoof ammalle maatii yatiimaatiif gargaarsa niyyadhee nama tokkotti waa erge, namni sun waan san akka an fedhutti bakkaan hin geenyee, ka masjiida sanis cinaa kenneetuma waa xiqqoo kennee, ta biraa Masjiida biraatiif dabarse an ammo masjiida saniif hin niyyannee inni ammo fedhinnaa isaatiin akkas hojjatee wanni anarratti jiru maalii? Waan inni irraa hirrise san guutuu qabaa?

 

Deebii: Waa niyyachuufii qodhaa ykn silata godhuun seenuun wal adda. Yoo masjiida saniif yookaan ijoollee yatiimaa saniif jechaa waan haganaa godha jettee Rabbiif jecha qodhaa yoo goote nazriin waajiba. Gama keetiin ati waan niyyatte bakkaan geesse kan haqa bakka barbaachisu hanqise ammo nama ati bakka buufatte. Wanni ati niyyatte ammo akka ati jettutti qodhaa miti niyyaadha. Wanni niyyaan Rabbiif hojjatte toltuun tee bakkuma jirti, ta inni gara masjiida biraatti dabarsellee bakkuma siif jirti humaa takkallee sirratti hin jiru.

 

Dr. Liwaa’ul Islam

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*