Islaam jechuun afaan Arabiffaan of kennuu, ajajamuu, nagaa jechuudha.
Amantii Rabbi tokkicha (Allaah) qofa gabbaruu fi Nabiyyii Muhammad (SAW) hordofuudha.

Qur’aanni seera ittiin Bulmaataa  Rabbiin ilmaan namaa hundaaf Buuseedha.  Islaam amantii guutuu, jireenya hunda keessatti nama qajeelcha.

Hiika Islaamaa

Islaam jechuun:

Of guutumaan guutuutti kennuu Rabbii tokkichaaf

Ajajamuu fi ergama Isaa fudhachuu

Nagaa ofii fi hawaasaaf buusu

Kanaaf, nama amantii Islaamaa hordofuun Muslimaa jennaan.

Bu’uura Islaamaa (Arkaanul Islaam)

Islaam bu’uura shan irratti ijaarrame:

1️⃣ Shahaadatayinii ragaa ba’uu

Laa ilaaha illallaah, Muhammadur-Rasuulullaah.
“Gabbaramaan haqaan hin jiru Rabbi malee, Muhammad Ergamaa Rabbii dha.”

2️⃣ Salaata (Salat)

salaata shan salaatu.

3️⃣ Zakaa (Zakat)

Qabeenya irraa hiyyeeyyiif kennuu

4️⃣ Soomana 

5️⃣ Hajjii (Hajj)

  • Umurii Keessatti Yeroo tokko yoo danda’ame Makkaa deemee Hajjii godhuu.

Amantii (Iimaanii) Islaamaa (Arkaanul Iimaan)

Muslimni ni amana:

1️⃣ Rabbii tokkichatti amanuu.
2️⃣ Malaaykota isaatti amanuu.
3️⃣ Kitaabban Rabbi irraa bu’an hunda amanuu.
4️⃣ Nabiyyoota isaa hundatti.
5️⃣ Guyyaa Qiyaamaa amanuu.
6️⃣ Murtii Rabbii (Qadaraa) irratti – waan gaarii fi hamaa ta’e hunda.

Islaam amantii jireenya guutuu of keessatti qabatu:

Amantii qalbii – iimaan fi Rabbiitti hirkachuu.
Hojii qaamaa – salaata, soomana, zakaa, hajjii.
Akkaataa hawaasummaa – haqa, araara, wal kabajuu, wal gargaaruu.
Sirna dinagdee fi siyaasaa – zakaa fi haqaa kabaju, seera sirrii diriirsu.

Faayidaalee Islaamummaa

✅ Nagaa qalbii nama dhuunfaa.
✅ Wal jaalala fi araara hawaasaa.
✅ Qajeelcha jireenya guutuu.
✅ Guyyaa Qiyaamaa badhaasa Rabbi irraa.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*