Majlisni Shaggar Projektii Guddicha “Waqfii” Ifoomse
********
Majlisni Shaggar, dhaabbilee amantaa Muslimaa hirkattummaa diinagdee jalaa baasuuf, projektii guddicha bara kanaaf karoorfate “Projektii Waqfii” jedhuun ummatatti baheera.
Projektii kana milkeessuufis hubannoo kutaalee magaalaa adda addaatti kennaa ture xumuruun, har’a waltajjii ijoo ta’e Galma Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaatti gaggeessaa jira.
Kaayyoon guddaan projektii kanaa, Masgiidotaa fi Madrasaalee hirkattummaa jalaa baasuun ‘Bilisummaa Diinagdee’ (Financial Independence) gonfachiisuudha.
Marii kana irratti akka ibsametti, seenaa keessatti Ummanni Muslimaa biyya keenyaa biyya keessaa darbee biyyoota ollaatiif illee masgiidaa fi madrasaa ijaaruun ‘Waqfii’ godhaa turan. Haata’u malee, yeroo ammaa kana dhaloonni har’aa seenaa abbootii isaa sana irraa gadi bu’ee argama. Kanaafuu, “Nuti haala qabatamaa amma jirru kanaan abbootii keenya gadi taanee jirra; dhaloota dhufuuf fakkeenya ta’uuf projektii kana milkeessuun dirqama,” jechuun ergaan darbeera.
Walgahii kana irratti keessummoonni gurguddoon:
• Hoggantoonni Majlisa Federaalaa,
• Hoggantoonni Majlisa Oromiyaa,
• Hoggantoonni Mootummaa Biyyattii olaanoon,
• Akkasumas Imaamotaa fi hoggantoota masgiidaa kutaalee magaalaa fi aanaalee irraa walitti dhufan argamaniiru.
Waltajjichi yeroo ammaa kana itti fufiinsaan gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, murteewwan dabarfamanii fi haala xumura walgahichaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa kan isin biraan geenyu ta’a.




