Onkoloolessa 30, 2018 A.L | Jumaadal Awwal 18, 1447 A.H
Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Muslimaa Itoophiyaa fi Ministira Haajjii Mootummaa Saawud Arabiyaa gidduutti waliigalteen raawwii Haajjii bara 1447 A.H (2018 A.L) mallatteeffameera.
Waliigaltee kana:
✅ Bakka Itoophiyaa irraa kan mallatteessan:- Dr. Muhammad Saalih, itti gaafatamaa Haajjii fi Umraa
✅ Bakka Saawudii irraa kan mallatteessan: Dr. Abdul Fattah Suleyman Mashaat, Itti Aanaan Ministira Haajjii fi Umraa yoo tahu,
Dr. Muhammad Saalih akka ibsanitti: waliigalteen kun haala qindoominaa fi milkaa’inaan hojii Haajjii guutuu — jalqabaa irraa eegalee hanga deebi’anii biyya seenanitti — akka raawwatamu gargaara jedhan.
Akka ibsa isaaniitti :
➡️ Qophiiwwan duraa barbaachisoo ta’an hojii Hajjii bara 1447 A.H (2018 A.L) keessatti hirmaachuuf barbaadan irratti hojiin xumuramaa jiraachuu ibsani,
➡️ Galmeen Hajjii Haala qindoominaa qabuu ji’a tokko gadi keessatti ni jalqaba jedhan Dr Mohamedsalih!
Waliigalteen kun Muslima Itoophiyaa keessaa gara Mana Rabbiitti (Baitullah) deemuuf fedhii qaban irratti tajaajila gaarii fi tooftaa haaraa kennuu keessatti tarkaanfii guddaadha jedhames yaadamaa.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*