Addunyaa ammayyaa keessatti
miidiyaan hawaasaa meeshaa qunnamtii, barnootaa fi bashannanaaf humna guddaa qabu ta’eera. Waltajjiiwwan akka Instagram, YouTube, TikTok fi Facebook odeeffannoo battalumatti argachuu kan danda’an yoo ta’u, fayyadamtoonni dhaggeeffattoota addunyaatiif qabiyyee akka uumuu danda’an ni taasisa. Miidiyaan hawaasaa faayidaa hedduu kan kennu yoo ta’u, keessumaa ilaalcha Islaamummaatiin qormaataafi balaa guddaa qaba.
Akka uumaa qabiyyee fi fayyadamtootaatti balaa afuuraa fi naamusaa miidiyaa hawaasaa irratti dammaqnee haala gatiiwwan Islaamaa wajjin walsimuun itti fayyadamuuf carraaquu qabna. Kana deeggaruuf, tuuta Qajeelfama Miidiyaa Hawaasaa uumneerra, kanas as irraa argachuu dandeessu. Qajeelfamni kun tarkaanfiiwwan qabatamaa ta’an kanneen toora interneetii irratti argamuun keessan itti gaafatamummaa fi madaalawaa ta’ee akka turu ni kennu.
Balaa Riyaa (Showing Off) uf garsiisuun fiddu.
Uumtoota qabiyyeetiif miidiyaan hawaasaa salphaatti waltajjii xiyyeeffannoo, mirkaneessuu fi dinqisiifannaa namoota biroo irraa barbaaduu ta’uu danda’a. Kunis riyaa, gocha beekamtii argachuuf jecha of mul’isuu ykn hojii gaarii raawwachuutti geessuu danda’a. Niyyaan murteessaadha, hojiin Rabbiif (ikhlas) jedhee ikhlaasaan hin raawwatamne kamuu mindaa dhaba. Nabi Muhammad (s.a.w) akkana jedhan: “Hojiin niyyaadhaan murtaa’a, namni hundinuu akka waan yaadametti ni badhaafama” (Sahiiha Bukhaarii).
Kaayyoo ol’aanaa tajaajiluuf osoo hin taane, beekkamtii, like ykn hordoftoota baay’ifatuu, qabiyyee uumuun guddina Iimaana nama tokkoo miidhuu danda’a. Uumtoonni qabiyyee Musliimaa yeroo hunda akeeka isaanii haaromsuu fi gochi isaanii, kanneen miidiyaa hawaasaa irratti argaman dabalatee, beekamtii addunyaaf osoo hin taane, gaarummaa fi waan gaarii babal’isuuf akka raawwatamu mirkaneessuun barbaachisaa dha.
Balaa Beekkamtii, Boonaa fii Ana malee miidiyaa Hawaasaa.
Miidiyaan hawaasaa yeroo baayyee of beeksisuu kan jajjabeessu yoo ta’u, fayyadamtoonni hedduun isaanii kiyyoo garmalee ofitti amanamummaa (ana malee, dubbii tiyya malee) jechuu keessa seenu. Suuraa, viidiyoo fi haaromsa maxxansuun yeroo tokko tokko oofee gara waan of duuba deebi’anii keessaa hin bahuu hin dandeennetti nama geessuu danda’a, bakka miirrii gatii nama tokkoo mirkaneessuu alaatiin hidhamee ta’a. Islaamummaan amala akkanaa irraa nama akeekkachiisa, Rabbiin Qur’aana isaa keessatti :
…..إِنَّ ٱللَّهَ لَا يُحِبُّ مَن كَانَ مُخۡتَالٗا فَخُورًا……
Dhugumatti Rabbiin nama boonaa dhaaddataa ta’e hin jaalatu.
Suuraa An-Nisā’ 4:- 36
content creator (Uumtoonni qabiyyee miidiyaaleen hawaasaa) of tuulummaa ykn ofittummaa akka isaanitti dhagayamneef, sammuu qabaachuu qabu, waltajjiisaaniitti fayyadamuudhaan gad of deebisuu fi gad of qabuu, dhaan amalawwan gatii guddaa qaban beeksisuu qabu.
DR.Musharraf Husseen.