Namni tokko intala takka yoo fuudhuu fedhee laallate akkam?
Deebisaa: Namni dhiiraa ka intala fuudhuuf barbaaduu fi intaltis tan heerumuu barbaaddu wal laallachuun islaamummaa keessatti halaali. Haadhaa fi abbaan intala tiyya laaluun hin ta’u jedhanii yoo dhoorkan, wallaalummaa isaaniiti. Wal laallatiinsa jechuun garuu daangaa qaba. Hoteelaa fi kaafteeriyaa addaa keessa kophaa wajjiin deemanii bashannanuu, wajji waan haraam dalaguu miti. Wal laallatiinsa yoo jedhamu waan daqiiqaa...