Gaafii ?
Anaa fi intalli takka wal jaalanne. Erga wal jaalanne booda warri keenya lamaan walitti dhufanii nikaaha nama godhus yaaman. Garuu guyyaa nikaaha godhan sani, ‘eenyuun bakka buufatta’ naan hin jenne, ‘hayyama godhi’ naan hin jenne. Anuma duubaan nikaaha godhanii xumuranii, nikaahni kun sirriidhaa?
Deebii: Nikaahni ulaagaa afur yokiin shan qaba.
- Inni jalqabaa, Abbaan intalaa, intala isaa namaa kennuudha.
- Ta lammaffaa namni intala san fuudhu achi jiraachuudha. Ykn ammoo namni inni bakka buufate achi jiraatee yoo namni kuun heerumsiise jedhu inni bakka bu’ee qeebale jechuudha. Haala amma gaafatame kana keessatti eenyutu qeebalateree? Ati bakka san hin jirtu, namni ati bakka buufatte waan hin jirreef nikaaha kee irra deebitee hiisisuu qabda. Bakka sanitti itti deebi’aatii abaluun maqaa dhahaa irra naa deebi’aa jedhiin. Nikaaha namni godhu abbaadha. Wanti sheekni bakka nikaahaa sanitti qara’u sunnaadha. Abbaan intalaa nama lama ragaa ka tahan uf bira kaayee ,intala tiyya ebaluu kenne yeroo jedhu, namni ati bakka buufatte, anilleen qeebaleef jennaan nikaahni hidhameera.