Guddinni teeknooloojii guyyaa guyyaan fooyya’aa jira.
Oomishtoonni elektirooniksii hundi waan 5 irratti xiyyeeffataniiru. Inni jalqabaa guddina meeshaa kanaa haalaan hir’isuu, inni lammaffaan ulfaatina isaa hir’isuu, inni sadaffaan dizaayinii isaa miidhagsuu, inni afraffaan humna xiqqaadhaan akka hojjetu gochuudha (Power Consumption), inni shanaffaan immoo qulqullina isaa fooyyessuudha. SIM card bilbilaa kanaaf fakkeenya guddaadha. Kanaan dura SIM kaardii bilbilaa haalaan guddaa ture. Itti aansuunis Maaykiroo Siim Kaardii oomishanii magaalatti dhiheessan. Sana booda Nano Sim Card jedhamu dhufe.
Kun karaa hedduun faayidaa guddaa qaba. Oomishtoonni bilbilaa simcard dhiisanii meeshaa biraa galchuudhaan humna bilbilaa fooyyessuu danda’u. namni bilbila akkanaa bitatus bilbila isaa keessatti e-sims hedduu galmeessee, yeroo barbaadetti isa fayyadamuu barbaade qofa bana, cufa. fakkeenyaaf namni tokko iphone 14 Ameerikaa irraa bitee gara Ethiopia yoo dhufe e-Sim Finfinnee keessa jiru buqqisee bilbila isaa irratti galmeessa. E-sim bilbila keessa galchuuf injection hin barbaachisu. Kaameeraa isaa banee scan qofa godha. Settings seenuun USA Service cufaatii isa Habashaa ibsi. Yoo gara biyya biraa deeme simcard haaraa haala wal fakkaatuun galmeessa. Kana jechuun SIM card gosa hedduu bilbila keessatti galmeessee yeroo barbaadetti banuun ni danda’ama.