Sadarkaa Teekinooloojiin irra jiruu
ٱقۡرَأۡ بِٱسۡمِ رَبِّكَ ٱلَّذِي خَلَقَ
خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ مِنۡ عَلَقٍ
ٱقۡرَأۡ وَرَبُّكَ ٱلۡأَكۡرَمُ
ٱلَّذِي عَلَّمَ بِٱلۡقَلَمِ
عَلَّمَ ٱلۡإِنسَٰنَ مَا لَمۡ يَعۡلَمۡ
Addunyaan har’a teeknooloojii sadarkaa ol’aanaa irra geessisuun gara haala haaraa fi jireenya dijitaalaa guutuu keessa seentee jirti. Qorannoowwan fi gabaasa dhaabbilee teknooloojii addunyaa akka IBM, Google, Microsoft, fi World Economic Forum irraa dhiyaatan irratti hundoofnee, teknooloojiin hojiiwwan, barnoota, fayyaa, daldalaa fi qunnamtii hawaasaa keessatti jijjiirrama seenaa keessatti hin argamne fideera.
Artificial Intelligence (AI) fi Machine Learning
hojiiwwan gara garaa keessatti fayyadamtoota miliyoonota hedduu bira ga’aa jira.
Sirni ChatGPT, Google Gemini, fi Amazon Alexa jedhaman tajaajila odeeyfannoo, qorannoo fi dandeettii deebii kennuu saffisaa dhiyeessanii jiran.
Sirnoonni AI fi ML yeroo ammaa tajaajiloota garaagaraa keessatti raawwii olaanaa agarsiisaa jiru. Fakkeenyaaf:
-
Hojii barreessaa fi Hiikkaa Afaanotaa geggeessuu,
-
Deebii si’aawaa fi cimaa kennuu,
-
Qorannoo fayyaa (diagnostics) saffisaan geggeessuu,
-
Barnoota gara online sirnaan geggeessuu (E-Learning),
-
Suuraalee fi sagalee nama fakkaatuu uumuun (deepfake technology) fi kanneen biro.
Gareen qorannoo AI jedhamu akka jedhutti, bara 2030tti hojiiwwan addunyaa keessaa dhibba irraa harka 30 ol kan geggeessu sirna haxaa’aa (automated AI systems) ta’a.
Saffisa Interneetaa fi 5G/6G
5G biyyoota hedduu keessatti hojiirra oolee interneetii saffisaa fi qunnamtii hin daangeffamne kennuu eegalee jira.
Qorannoon 6G jedhu ammoo jalqabamee, waggoota dhufu keessatti addunyaa guutuutti hojii irra akka oolu tilmaamni godhameera.
Dhaabbileen teekinooloojii akka Google, Amazon fi Meta jedhaman, Robotics fi Automation irratti hojii bal’aa geggeessaa jiru.
Warshaalee fi hospitaalota keessatti robotiin hojjatanii, hojii namootaa salphisaa jiru.
Teknooloojii VR, AR fi Metaverse
Virtual Reality (VR) fi Augmented Reality (AR) taphannoo, leenjii fi hojii barsiisuu keessatti dorgomaa ta’anii jiran.
Dhaabbileen taphni viidiyoo keessatti bobba’an yeroo ammaa qarshii biliyoonota hedduu galmeessisaa jiru.
Haaluma kanaan, Blockchain fi Cryptocurrency keessattuu, faayidaa maallaqa geejjibsiisuu saffisaa fi iccitii eegu irratti tumsaa jiru.
Bitcoin, Ethereum fi tajaajiloonni digitaalaa biroo gatii olaanaa qaban. Garuu guddinni kun kufaatii of keessaa qaba jechuun dubbatanaa jira.
Cyber security, hojii namootaa balleessuu fi fayyadamuu odeeyfannoo dogoggoraa irratti rakkoon guddaan mudachaa jiraachuu hubatameera.
Hojiin, barnootni, fayyaan, fi bashannanni guutuu addunyaa kana keessa teknooloojii dijitaalaa irratti hundaa’uu jalqabeera.
kun sadarkaa guddinaa yeroo hunda caalaa saffisaa ta’eedha.
Rakkoowwanii fi Komii Dhiyaataa Jiru:
Gama biraatiin, guddinni teknooloojii kun rakkoo fi gaaffii seeraa, amantaa fi ilaalchaa cimaa kaasaa jira. Isaan keessaa:
-
Iccitii odeeyfannoo nama dhuunfaa (cyber security)
-
naamusaa (digital ethics)
-
Hojii dhaba (job displacement) – Teknooloojiin hojii hedduu nama irraa fudhachuuf deema.
-
Miidhaa teknooloojii ijoollee irratti (screen addiction, violence in games)
Amin Kadir
July 13, 2025Maashaa allaah jabaadhaa waan gaarirra jirtanii