Appilikeeshiniin Telegram yeroo ammaa kana jaalala horachaa jira.
Akka ragaan mul’isutti har’a namoonni Telegiraamii fayyadaman miliyoona 900 ol ta’u. Dhaabbileen hedduun oomisha isaanii beeksisuuf chaanaalii telegiraamii bananiiru. Dhaabbileen mootummaas odeeffannoo adda addaa karaa telegiraamii ummataaf qooduun filataniiru. Kunis Telegram namoota hedduu biratti akka jaallatamu taasisaa jira.
Appilikeeshiniin telegiraamii kun teknooloojiiwwan sadarkaa olaanaa qaban hedduu qaba. keessumaa faayiloota gurguddaa waliif qooduuf, suuraa fi viidiyoo qulqullina olaanaa qabu osoo hin dhiphisin erguuf, akkasumas barreeffamoota dheeraa barreessuuf application akka Whatsapp caalaa mijataadha. Kanaaf filannoo namoota hedduu ta’e. Gama biraatiin taphoota adda addaa madda galii ta’u jedhaman Telegram irratti mul’achuu eegalaniiru. Namoonni tokko tokkos telegramiin maallaqa argachuu dandeessa jedhu.
Akkuma Telegram waan gaarii hedduu qabu, waan baay’ee badaa balaa guddaa fiduu danda’anis guutee jira. Teeknishaan keenya Abulkhayr waa’ee muuxannoo isaa telegram irratti akka armaan gadiitti barreesse.
Kaan ammoo wanti isaan telegiraamiin namootaaf barreessan hundi banaadha jedhu. Appilikeeshiniiwwan akka whatsapp fi signal, tooftaa ‘end to end encryption’ jedhamu qabu. End to end encryption jechuun namoonni lama yeroo waliif barreessan barreeffamni isaan waliif barreessan lamaan isaanii qofa bira ga’a jechuudha. Qaamni 3ffaan kamiyyuu gidduu seenee iccitii isaanii arguu hin danda’u jechuudha. Telegram tooftaa kana hin qabu. Namni tooftaa kanaan telegram fayyadamuu barbaadu, ‘Secret chat’ keessa seenee akkasitti fayyadamuu ni danda’a. Yoo kana hin taane, chat karaa ummataa ta’een hin icciitii ta’u. namni hack gochuu danda’u hundi iccitii nama tokkoo salphaatti arguu danda’a jechuudha. Haala kanaan namoonni hedduun maallaqa guddaa dhaban. Odeeffannoowwan barbaachisoo kanneen akka kaardii liqii fi jechoota icciitii telegiraamii irraa erguun maallaqa guddaa hackers saamaman. Namoonni tokko tokko suuraa fi viidiyoo qullaa karaa telegiraamii waliif erganii, guyyoota muraasa booda suuraa fi viidiyoo kana marsariitii poornoogiraafii irratti argan. Hackers telegram kanaaf fedhii guddaa qabu. Viidiyoo fi suuraan qullaa marsariitii poornoogiraafii irratti mul’atu maallaqa argamsiisa. Kanaaf telegiraamii namootaa hack gochuu irratti xiyyeeffatan.
Dhumarratti warreen telegram fayyadamtan ergaa gabaabaa isiniif dabarsuun barbaada. 1. Yoo danda’ame telegram fayyadamuu dhiisaa. Telegram dhiisanii application akka Whatsapp fi Signal fayyadamaa.
2. Telegram fayyadamuu yoo dirqama ta’e odeeffannoo iccitii fi suuraa karaa telegram erguu dhiisi.
3. Settings keessatti Privacy fi security galchaa, Two step verification ‘ON’ godhaa. Kunis telegiraamii keessan hanga tokko eeguuf isin gargaara. Yoo kana dandeessiftan haakeroonni salphaatti seenuu hin danda’an. Telegiraamiin koo osoo kun banamee jiruu hack ta’e. Ta’us ibsuun baay’ee barbaachisaadha.
4. ammas email log in jedhu cuqaasuun email keessan galchaa. Kunis telegiraamii nageenyaa hanga tokko ni cimsa.
5. linkii telegram irraa isiniif ergamu hunda irratti of eeggannoo guddaa godhaa. Linkiin karaa kamiinuu ergamu balaa guddaa qabaachuu danda’a.
Appilikeeshiniin Telegiraamii banaadha. Iccitiin isaa hin eegamu. Kanaaf of eeggannoo barbaachisu akka gootan isin dhaamuudhaan barruu koo asitti xumura.”