logo gs

Teeknooloojii Deebii Muddamaa

Gara yaada ijootti osoo hin ce’iin dura waan tokko ibsuun gaariidha. Yeroo baay’ee Nurulhudaa irratti barruulee adda addaa yeroo barreessinu jecha Maashinii jedhu caalaa jecha konkolaataa jedhu fayyadamna. namootni hedduun maaliif afaan Amaaraatiin maashinii barreessina jedhanii nu lolan. Jalqaba irratti Makiinaa jecha Afaan Xaaliyaaniiti malee jecha Amaaraa miti. Afaan Xaaliyaaniitiin Macchina jedhama. Sababni guddaan jecha Maashinii jedhu itti fayyadamnuuf hawaasni Oromoo irra caalaan yeroo haasa’u jecha Maashinii jedhu fayyadama malee jecha Konkolaataa jedhu hin fayyadamu. Yeroo baayyee jechi Konkolaataa jedhu Oduu Miidiyaa adda addaa qofa irratti kan hojjetamudha. Jechi konkolaataa jedhu maqaa Maashiinaa osoo hin taane, hiika jecha Amaaraa (Tashkarkaarii) ti. Tashkarkaariin gara Afaan Oromootti Car jedhamee hiikama. hundumaafuu barreeffamoota hedduu keessatti jecha Maashinii jedhu fayyadamna, kanaaf kana hubadhaa.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*