Onkoloolessa 30, 2018 A.L | Jumaadal Awwal 18, 1447 A.H
Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Muslimaa Itoophiyaa fi Ministira Haajjii Mootummaa Saawud Arabiyaa gidduutti waliigalteen raawwii Haajjii bara 1447 A.H (2018 A.L) mallatteeffameera.
Waliigaltee kana:
✅ Bakka Itoophiyaa irraa kan mallatteessan:- Dr. Muhammad Saalih, itti gaafatamaa Haajjii fi Umraa
✅ Bakka Saawudii irraa kan mallatteessan: Dr. Abdul Fattah Suleyman Mashaat, Itti Aanaan Ministira Haajjii fi Umraa yoo tahu,
Dr. Muhammad Saalih akka ibsanitti: waliigalteen kun haala qindoominaa fi milkaa’inaan hojii Haajjii guutuu — jalqabaa irraa eegalee hanga deebi’anii biyya seenanitti — akka raawwatamu gargaara jedhan.
Akka ibsa isaaniitti :
➡️ Qophiiwwan duraa barbaachisoo ta’an hojii Hajjii bara 1447 A.H (2018 A.L) keessatti hirmaachuuf barbaadan irratti hojiin xumuramaa jiraachuu ibsani,
➡️ Galmeen Hajjii Haala qindoominaa qabuu ji’a tokko gadi keessatti ni jalqaba jedhan Dr Mohamedsalih!
⸻
Waliigalteen kun Muslima Itoophiyaa keessaa gara Mana Rabbiitti (Baitullah) deemuuf fedhii qaban irratti tajaajila gaarii fi tooftaa haaraa kennuu keessatti tarkaanfii guddaadha jedhames yaadamaa.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*