- Ihsaan sadarkaa olaanaa amantii Islaamaati.
Hiikni isaa kan Nabi keenya jaallatamaan Muhammad (SAW) ibse: “Rabbiin akka waan ijaan isa argitutti gabbaruu keeti, yoo isa hin arginellee inni immoo na arga jettee isa sodaatuufii gabbaruu keeti”.
Yaad-rimeen Arkaana Ihsaana Islaamummaa keessattis Muslimni rokko nama itti gaafatamummaa qabuudha, waan dalagu tokko haala gaariin fuula Rabbiitiif qofa hojjatuu qaba. namni Muslimaa tokko jireenya isaa keessatti, waan dubbatu ykn hojjatu hunda keessatti Rabbiin na arga jedhee amanuun isarra/isirra jira, Kanaafuu, namni tokko waan Rabbii olta’aa gammachiisu fi ajaja Isaa eegu qofa dubbachuu fi hojjechuuf waan danda’u hunda godha.