logo gs

Haayidrooloojii (Marsaa Bishaanii) .

haayidirooloojiin Qur’aana keessatti caqafamaniiru. Qur’aana yoo dubbisne Qur’aana keeyyata isaa keessatti,  ifa ta’ee fi marsaa bishaanii eeruun argama. Yaadni Aristootil bishaan holqa gaara qabbanaawaa keessatti walitti qabamee haroowwan lafa jalaa burqaawwan sooratan uumuun isaa ni yaadatama.

Namoonni yaada kana yeroo dheeraaf amanan. Haa ta’u malee har’a bishaan roobaa caccabaa lafaa keessa seenu kanaaf itti gaafatamaa ta’uu ni beekna. Waa’ee kanaa akkamitti beekna? Dhugaadha, Qur’aana ulfina qabeessa keessatti akkas jedhamee ibsameera:

أَلَمۡ تَرَ أَنَّ ٱللَّهَ أَنزَلَ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَسَلَكَهُۥ يَنَٰبِيعَ فِي ٱلۡأَرۡضِ ثُمَّ يُخۡرِجُ بِهِۦ زَرۡعٗا مُّخۡتَلِفًا أَلۡوَٰنُهُۥ ثُمَّ يَهِيجُ فَتَرَىٰهُ مُصۡفَرّٗا ثُمَّ يَجۡعَلُهُۥ حُطَٰمًاۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَذِكۡرَىٰ لِأُوْلِي ٱلۡأَلۡبَٰبِ
Sila Rabbiin bishaan (rooba) samii irraa buusee, ergasii burqaalee godhee dachii keessa gadi isa liccisiise hin agarree? Ergasii isaan (bishaaniin) midhaan bifti isaa gara garaa biqilchee, ergasii goggogee daalacha ta’u argita. Ergasii caccabaa godha. Dhugumatti, kana keessa warra sammuu qabaniif gorsatu jira.

وَمِنۡ ءَايَٰتِهِۦ يُرِيكُمُ ٱلۡبَرۡقَ خَوۡفٗا وَطَمَعٗا وَيُنَزِّلُ مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءٗ فَيُحۡيِۦ بِهِ ٱلۡأَرۡضَ بَعۡدَ مَوۡتِهَآۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَعۡقِلُونَ

Mallattoolee isaarraa hangaasuu isin garsiisa Akka (bakakkaa) sodaattaniifi (roobas) kajeeltaniif, bishaan samii irraa buusuufi booda isheen duutee dachii ittiin jiraachisuun. kana keessa namoota aqlii (sammuu) qabaniif mallattooleetu jira.
Suuraa 30:24
Namni kamiyyuu barreeffama waggaa 1400 dura barreeffame tokko akka Qur’aana keessatti ibsa sirrii marsaa bishaanii ibsu ka akka tasumallee fiduu hin dandayu. Qur’anni waan jecha Rabbii taheef, dhugaa tahe.

وَأَنزَلۡنَا مِنَ ٱلسَّمَآءِ مَآءَۢ بِقَدَرٖ فَأَسۡكَنَّٰهُ فِي ٱلۡأَرۡضِۖ وَإِنَّا عَلَىٰ ذَهَابِۭ بِهِۦ لَقَٰدِرُونَ

Samii irraa bishaan (rooba) hanga (barbaachisaa ta’een) buufnee. ergasii dachii keessa isa kuufne. Dhugumatti, Nuti isa deemsisuu irratti danda’oodha.
Suuraa 23:18

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*