Ji’ooloojiin qorannoo teessuma lafaa yoo ta’u, oceanography ammoo qorannoo galaanaa fi waan isaan jala jiruudha. Qur’aanni qulqulluun madda beekumsa hangana hin jedhamneeti. Har’a ji’ooloojii Qur’aana keessatti ilaalla akkasumas gara oceanography Qur’aana keessatti mari’atameetti deebinee yoo laallu.
Ji’ooloojii Qur’aana keessatti
Gaarreen akka qamadii (stakes) ti. Guddinni saayinsii dhiheenya kana mul’ate, taatee “folding” jedhamu kan sababa uumamuu gaarreen akka ta’e himamu akka argamu taasiseera. Argannoon kun dabalataan fuulli (crust) lafa nuti irra jiraannu akka qola jabaa akka ta’e nutti hima. Qoorqoorroon isaa haphii dha, ni raafama. Gaarreen kun akka qamadii qoorqoorroo sana qabatanii fi tasgabbii isaaf kennan ta’anii hojjetu.
Argannoon kun waggoota 1400 dura Qur’aana keessatti ji’ooloojii keessatti tarreeffamee akka ture tilmaamuun ni danda’amaa?