logo gs

Qabrii bareechisuu.

Qabrii bareechisuu fi kunuunsuun hin barbaachisu.

 

Fakkeenyaaf waan akka Abaaboo keessa dhaabuu, mukkeenii fi wantoota garagaraatis keessatti dhaabuun  barbaachisu. Shiekh Muhammad ibn Ibraahim ibn Aal ash-shiekh akkana jedhan, “qabrii bareechisuu fi keessatti biqiltoota dhaabuun, waan islaamummaan ajajjee miti. Wanti akkanaatis hin hayyamamu. Kun warra nasaaraa akkeessuutu keessa jira. Warri kiristaanaa qabrii isaanii bakka bashannanaa fakkeessuuf waan akkanaa godhan. Kanaafuu biqiltoota qabrii keessatti dhaabaman sanniin buqqisuu fi bishaan qabrii san keessatti dhangalaafamus irraa muranii gara biraa deebisuun barbaachisaa dha.”

Hadiisa ibn Mas’uud gabaase keessatti ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan; “Osoo lubbuun jiran namoonni qiyaamaan irratti dhaabbattuu fi irra hamaan ummataa warra eddoo qabrii eddoo ibaadaa godhatuudha” jedhan.

Walumaa galatti masjiidaa fi qabrii walirraa fageessuun barbaachisaadha. tarii qabrii san ammatti namoonni gabbaruu dhabuu danda’an, if dura garuu rakkoon tun mudatuu waan dandeettuuf islaamummaan qabrii fi masjiida walirraa fageessutti ajajje.

Dhimmi biraa ammo Masjiida keessatti nama awwaaluun ykn qabrii fi masjiida wal bira godhuun dhoorkaadha. Ergamaan Rabbii SAW namoota waan akkanaa dalagan abaaraniiran. Umm Salamah habashaarraa wayta gara Madiinaa deebitu, nasaaronni habashaa qabrii fi bakka sagadaa eddoo tokko godhuu isaanii itti himte. Kana booda Rasuulli SAW akkana jedhan, “Abaarsi Rabbii yahuudaa fi nasaaraa irra haa jiraatu. Qabrii nabiyyootaa fi namoota gaggaarii eddoo ibaadaa godhatan. Namoonni kunniin isaan keessaa namni saaliha ta’e tokko yoo du’e qabrii isaarratti bakka waa gabbaran tolchan. Isaan kun Rabbi biratti irra hamaa ummataati” jedhan.

Erga qabrii Masjiida keessatti ijaaruun dhoorkaa ta’ee, Qabriin Rasuulaa SAW maaliif Masjiidannabawwii keessa ta’e?

Dhimma kanarratti Sheikh Abdalaziiz ibn Baaz akkana jedhe, “namoonni qabrii masjiida keessa godhuu barbaadan, qabriin Rasuulaatuu SAW masjiida keessa jira kan jedhu akka ragaatitti dhiheessuu fedhan. Wanti beekamuu qabu, Sahaabonni Rasuula SAW masjiida keessatti hin awwaalle. Isaan mana Aa’ishaa keessatti awwalaman. Yeroo sanitti masjiidaa fi Manni Aa’ishaa walirraa fagoodha. Bara Khaliifummaa Al Waliid Abdulmalik wayta Masjiidannabawwiin bal’ifamu qabriin Rasuulaa SAW qaama masjiidaa keessa seene. Dalagaan isaa kun sirrii hin turre. Ulamaa’iin yeroo san turanis balaaleeffataniiran. Ajaja khaliifaa waan ta’eef dirqama itti ta’ee fudhatan. Inni garuu masjiida bal’isuuf jecha dalage waan ta’eef rakkoo hin qabu jedhee itti fufe.”

 

Qabrii Rasuulaa SAW akka ragaatti fudhatanii, masjiida keessatti nama awwaaluun hin barbaachisu. Akkuma jedhame Masjidatu qabritti dhaqe malee qabriin isaanii Masjidatti hin dhufne. Yeroo sanittis wanti kun mormiin guddaan isa mudateera. Kanaafuu qabrii fi Masjiida walirraa fageessuu barbaachisa.

 

Sheikh Saalah AlMunajjid

 

 

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*