- Gaafii:Ijoollee dubraa daa’imman umriin isaanii xixiqqoo taate yoo nikaaha hidhan, nikaahni sun ni tahaa?
Deebisaa: Nikaahni waan taphaa osoo hin taane, waan akkaan jabaati. Kanaafuu, xiqqeenyaa fi guddina yookiin qabeenyaa fi hiyyummaadhaan adda hin baafamu. Hukmii Shari’aa keessatti ijoollee xixiqqoo nikaaha hidhuun ni jira.
Ragaan kanaa, Sahaabtichi guddaan Abi Bakhri As-Siddiiq-Rabbiin(R.A)- intala isaa A’ishaa (RA) tan amata 6 ykn 7 jirtu, Ergamaa Rabbii Nabiyii keennaaf (SAW) nikaaha hidhe. Yeroo sanitti Aishaan Ijoollee turte. Intala xiqqoo nikaaha yoo kan hidhan taate, wanti isii iznii gaafatanis hin jiru. Abbaan nikhaha godhuu danda’a. Haatahutii intalti sun yoo nikaaha saniin guddatte, gurbaadhaaf jaartiidha. Yoo ammoo hin fedhu jette sun isii ilaalti. Garuu Nikaan bakkuma jira.
Dr. Liwaa’ulislaam
Ibsa dabalataa
Namni intala dubraa qabu osoo isiin umrii heerumaa hin gahin, nama haala gaariin isii bulfata jedhee amanuuf nikaaha godhuu mirga qaba. garuu hanga xuriin laguu itti dhufee isiin heeruma geeysutti ofuma bira tursiisuu qaba. gaafa isiin heeruma geeysee xuriin laguu itti dhufe hayyama isii gaafachuun dirqama. “nama kanaaf si kennee jira. itti heerumtee wajjiin jiraachuu feetaa?” jedhee isii gaafachuu qaba. yoo isiin hayyamte heerumsiisuu mirga qaba. yoo isiin didde ammoo nikaaha kana irraa buusuun dirqama. fedhinnaa intalaa malee dirqiin heerumsiisuun shari’aa islaamaa keessatti dhoorkaadha.