Deebisaa:
Rabbiin waa hunda nuuf kennee jira. Namni Yoo qabbanti jiraatte bishaan oowwifachuu danda’a . Qabantilleen kama akkanatti sodaatanii mitii, kama dhugaan nama dhibdu san ta’uu beekuu qaba. Dhugumaahuu qabanti tun si miiti moo, sodama birdilibsii jalaa bahuu dadhabanii , Rabbi gargar beeka ”laa yakhfa’a aleeyhi khaafi’a” wanni feete isarraa hin dhokattu. Dhiqateetuma salaata inshaallah. Yoo kaa ammoo bishaan nama oowwifatuu hin dandeenne taate , yoo dhukkubni dhugumaan asmii ka dhukkubasatee tuma miidhamu taate ka Rabbiif qalbiin sun dhugaa san ufitti beektu taate taymuuma haa godhatu maaliif jennaan dhuguma dhugaa dhugittii uf miidhuun barbaachisaa miti. Namuma dhugaan ibaadaaf jecha lubbuu ufii ajjeesu fa’atu jiraaf shariyaan fursaa tanaaf baldhinna tanallee jala kaaye. Ammo nama osoo dhiqachuu danda’uu qorra sodaaf beekaatuma mataa birdilibsii jala mammaru Rabbillee numa arga.