Sheekh Alii Jimmaa
Gaaffii: Biyya Arabaa kana keessatti intala abbaan nikaaha godhuu didee eega isiin biyya Arabaa dhayxee namni haraamaan waliin jiraatee nikaaha godhanii kun akkam ?
Deebii:
Yoo abbaan beekaa intala isaa ajnabiyyaa beekaa nama ajnabiitiin wajjiin biyya addaatti erge, waan isiin dalagde hundaafuu namni gaafatamu isa. Abbaan isaa intala dhale yoo ka obboleessii bira hin jirre, ka inni bira hin jirre biyya Arabaa naa haa dhaqxuu jedhee ejensitti kennee, ilmoo ufii biyyaa baasee isiin haraama dalagde, wanni isiin dalagdullee isaa haraama ta’ee eegasii wanni isiin dalagdu cufaafuu dilii itti gaafatama Rabbi biratti.