gaafii:-

anin amantaan koo kiristaana, gaafiin kiyya, namni tokko yeroo gara islaamummaa dhufu jalqaba, shahaadaa qabatuu qaba, shahaadaan Ammoo Allah malee kan dhugaan gabbaramu hin jiru jechuu fi Nabi Muhammad ergamaa tahuu isaa ragaa bahuudha, mee yoo islaamummaan nabi Muhammad dura jiraatte, isaanuu hin dhalannee, akkamitti islaamummaan isaan dura jira jechuu dandeenna ?

Deebii:-

Ambiyoota, Rusultootaa fii ummata Muslimaa, Nabiin duraa turan biratti, Rabbi tokkichoomsuu irratti garaagarummaan hin jiru. Nabiyyoonni hundi isaaniituu, ‘Rabbii tokkicha gabbaraa’ jedhanii barsiisaa waan turaniif. garuu Muhammad Rasuulullaah kan jedhu bira hin jiru. kuni akka sirritti ifa siif tahuuf, Namni Muslimaa tokko Muhammad (a.s.w) ergamaa Rabbii qofa tahu afaaniin ragaa bahuu osoo hin taane,  afaaniinis ragaa bahee, Barsiisa Nabi Muhammad (a.s.w) hunda fudhatee isa hordofuu jechuudha.

fakkeennaaf

Rabbiin Qur’aan keessatti. Suuraa 16:-36

وَلَقَدۡ بَعَثۡنَا فِي كُلِّ أُمَّةٖ رَّسُولًا أَنِ ٱعۡبُدُواْ ٱللَّهَ وَٱجۡتَنِبُواْ ٱلطَّٰغُوتَۖ فَمِنۡهُم مَّنۡ هَدَى ٱللَّهُ وَمِنۡهُم مَّنۡ حَقَّتۡ عَلَيۡهِ ٱلضَّلَٰلَةُۚ فَسِيرُواْ فِي ٱلۡأَرۡضِ فَٱنظُرُواْ كَيۡفَ كَانَ عَٰقِبَةُ ٱلۡمُكَذِّبِينَ

Dhugumatti, Nuti ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa” (jechuun). Isaan irraa nama Rabbiin isa qajeelchetu jira. Ammas isaan irraa nama jallinni isa irratti mirkanaa’etu jira. Dachii keessa deemaatii booddeen sobsiiftotaa akkam akka ta’e ilaalaa.

shahaadaa jechuun, Rabbii tokkicha malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre, ragaa bahuu fii Nabi Muhammad (a.s.w) ergaama Rabbii tahuu isaanii ragaa bahuu erga taate, ummanni yeroo saniis , Rabbii tokkicha malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa bahuu fi nabiyyii yeroo san ergamee, ergamaa tahuu isaa ragaa bahaa jechuudha, jecha Ash’hadu An laa ilaaha illallaah  jedhurratti walii galu. waan Nabi Muhammadan(s.a.w) yeroo sanitti hin ergaminiif , nabiyyima Yeroo sanii ergamaa tahuu dhugoomsanii, isuma san hordofaa turan jechuudha, fakkeenna

suuraa 26:-160-163

إِذۡ قَالَ لَهُمۡ أَخُوهُمۡ لُوطٌ أَلَا تَتَّقُونَ

Yeroo obboleessi isaanii Luux isaanin jedhu: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?

إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ

Ani isiniif ergamaa amanamaadha.

فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ

Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhaa.

……..

Luux(a.s) ummata isaatiin Rabbii Tokkicha sodaachaa, ergaa kiyyas fudhaa jedheen

 

ammas dabalataan, suuraa 26:-177-

إِذۡ قَالَ لَهُمۡ شُعَيۡبٌ أَلَا تَتَّقُونَ

Yeroo Shu’ayb isaaniin jedhu: “sila Rabbiin hin sodaattanuu?

إِنِّي لَكُمۡ رَسُولٌ أَمِينٞ

Ani isiniif ergamaa amanamaadha.

فَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ وَأَطِيعُونِ

Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhadhaa. Shu’aybis (a.s) ummata isaatiin Rabbii Tokkicha sodaachaa, ergaa kiyyas fudhaa jedheen
Aayatoota kana keessaatti, Luux ummata isaatiin Rabbii Tokkicha sodaachaa, ergaa kiyyas fudhaa jedheen.
haaluma wal fakkaatuun, ergamtoonni Rabbii hundi isaaniituu, Rabbitti amaanaa , ergaamaa tahuu kiyyas nadhugoomsaa , ergaa yookiin waan anin Rabbirraa isinittiin dhufe fudhadhaa jedhanii barsiisaa turan,
fakkeenna kanaa Macaafa kee keessaa siif kennuu dandaya, wangeela Yohaannis 17:- 3
“si, Waaqayyo tokkicha isaa dhugaa fi Yesus Kiristoos  isa ati ergite beekuun isaanii Jireenyi bara baraa ti.
keeyyata Bible kana keessatti, waaqayyoo tokkicha akka taheefii Yesus ergama tahuu beekuun jireenya barabaraa akka tahe, macaafni kan nutti hime, kanaafuu Islaamummaan, Rabbiin Tokkichi Rabbii dhugaa akka tahe amanuufii, Nabiyyii yeroo saniitti ergame, ergamaa Rabbii tahuu isaa ragaa bahaanii, ergaa inni Rabbii irraa namattiin dhufe fudhatuu jechuudha, amma asirraatti wanni sigaafadhuu, Barnoonni Rabbiin tokkichi qofti Rabbii dhugaa tahuu Nabi Muhammad (a.s.w)  miin eegalamtee ? ergamaan ergamu sun hoo anin ergamaa Rabbiiti jechuun Nabi Muhammadiin eegalamtee ?
gaafataa :- lakki Nabi Muhammadiin hin eegalamne , waaqayyo Macaafa qulqulluu keessatti , Waaqayyo ana duwwaadha jedheen, akkasuma Muuseen Raajii (Nabiyyii ) tahuu isaa nutti himee jira, wanni atin jette sirritti naaf galee jiraa galatoomi.

 

 

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*