Sheekh Alii Jimmaa.
Mee akkamitti kaabaa xawaafna, yeroo ka’abaa xawaafnuufii yeroo dhungannullee, yoo ummanni amantaa biroo tokko gaafii nutti dhiheesse, akkamitti kaabaa xawwaaftan ? maalif dhagatti naannoftan ? maaliif dhagaa dhungattan? Isinillee Rabbii gaditti waan biraa gabbarutti jirtan yoo nuun jedhan maal jennee deebisnaaf?
Rabbiin keenna (Subhaana Wata’aalaa) wanni inni buusee Shari’aa godhee karaa nuuf godhe, nuti jecha namaatiif dubbii namaa jala hin deemnu. Dubbiiin tun Rabbirraa dhuftee jirti moo Ergamaa Rabbi irraa nuuf sabattee jirti moo? Karaan Rabbi ittin gabroomnu kun Rabbi biraa dhugaan dhugeeffamee dhufee jiraa jechuu qofatu nu yaachisuu qaba. Amrii Rabbiin Guddaan Rabbitu buusee ta’uu qofa hubanna malee nuti, wanni gartanii ummanni amantaa biraa gaafii hamtuu nutti darbataniif, jecha hin taane wayii sammuu keenya jeequuf darbataniif jecha hin wareerru hin dhamaanus, jecha diinii keenya keeessatti. Kana Rabbiin (S.W) Qur’aana keessatti ka‘abaa qulqullicha san itti xawaafuudhaani hojii hajjii keessanii xumuradhaa. Hattaa Kaaba qofa jettee gaafii kankee keessatti beeynal safaa wal marawaa jedhamutu jira bakki biraa ka isin beeytan achillee xawaafuu Rabbii guddaan Qur’aana keessatti dubbate. Seera diiniin Rabbii guddaa ittiin muldhatuu, Shari’aa Rabbii guddaati, achi xawwaafuufii safaa walmarwaa xawaafuunillee jedhee Rabbiin guddaan dubbatee jira. Kun Aayaata Qur’aanaati. Akkasuma Rasuula Rabbiitu Aayata Qur’aana kana fudhatee karaa nuuf godhee jechuudha. Nutillee karaa Rasuula Rabbii jala deemuun ajaja Rabbii guddaati. Akka Rabbiin guddaan Qur’aana keeessatti nutti dubbatee Rasuula kana imaama isiniif godhee, nabiyyicha kana dura deemaa isiniif godhee, mataa isinii godhee jala deemaa. Namni guyaa irraa boodaa Rabbirraa galata keeyrii jaallattanii jannata barbaaddanii ibidda jalaa nagaya bahuu feetan, nabi Muhaammadiin imaama godhadhaa jala deemaa, karaa isaa malee karaan natti isin fiduuf nagaya isin baasu hin jiruu jechaa, Rabbitu nuuf kenne, Kanaaf Nabi Muhaammad Ka‘abaa xawwaafanii jechuu. Hujii Hajjii hunda godhanii, waan jedhani; kunoo hujiin hajjii tanaa narraa qabadhaadhaa Jedhan Rasuulli Rabbi (a.s.w) Kanaaf xawaafa Rasuulli Rabbii xawwaafan nutilleen itti hidhannee xawwaafuu qabana. Kanaaf Umari Ibnu Kaxxaabi dubbii bareedduu takka ka asitti dubbatamuu qabu dubbate.
„Yaa hajaruu jedheeni yaa hararulaswad ka jannataa si fidan, wallahi yoo ati jannataa dhuftellee atin dhagumaa, Osoo Nabi Muhammadi si dhungatanii amrii Rabbiitiif jecha si dhungachuu baatanii kanin arge silaa si hin dhungadhuu“ jedheen.
Wama takka nama hin fayyaddus, wama takka yoo si dhungachuu baatan nama hin miitullee jedheen. Kana jechuun, haqiiqaa warra shakkii namatti facaasuu sani harkaa facaasa jechuudha. Garuu rakkoon guddaan nu qabattee harkaa nu qabdu, diinuma Rabbii kanaa wallaaluu keenyaaf aduwwii ofirraa deebisuu dadhabuudhaan ufitti qaanyawutti jirra.
Sheekh Alii Jimmaa.