Dr. Liwaawulislaam:
Gaafii:
Ganda an itti dalagutti, kitaaba zikriitiifii Qur’aana walitti qabanii guban. Maaliif gubdan jennaan, akkanaatu irra caala naan je’an.
Qur’aanas haa ta’uu kitaabban faayidaa qabu ka jechi Nabii keenyaa keessa jiru, kanneen akkanaa gubuufi awwaaluu kamtu irra caala?
Deebii
Yaa gabricha/gabrittii Rabbii, kabajaan Qur’aanaa waan ciccirame walitti qabanii gubanii, hoggaa guban daaraa san bakka xahaaratti awwaaluu. Akkuma san yoo walitti qabdee Masjiida geessites irra fiinxee (gaarii). dha, Yoo ammoo walitti qabdee baharattiis naqxe wama takka rakkoon hin jiru.