Maatii 1 guutuun Shahaadaa Qabatan
Abbaa warraa fii haadha warraa dabalatee ilmaan isaanii 8 waliin walii galatti namni 10 amma Guyyaa har’aa gara islaamummaatti Dhufan.
Maatiin Kunis Shaahaadaa Kana Qabachuun halkan mana isaanii dhiisanii Galaa isaanii irbaata fudhachuun mana Sheek Seyfaddiin Dhufuudhaan LIVE tiktok irratti kallaattiin osoo darbuu Shahaadaa kan qabatan Namootni Kallattiin ilaalaa turan taatee kana gammachuun addaa akka itti dhagahame ibsaa turanii jiru.
Ustaaz Hamdiin Miira Gammachuu isaanii to’achuu Dadhabuun Bohaa Suura Nasrii qara’aa kan turan akkasumas Hundi Live sanaa miira wal fakkaataan akka itti dhagahame ibsaa turanii jiru. Abbaan Warraa Shahaadaa qabatan kunis akkuma shahaadaa qabatanii xumuraniin Gandakoo keessa masjiidni waan hin jirreef An Lafa Kaare meetira kuma 1 nan kenna masjiidni haa ijaaramu jedhanii hinuma miira gammachuu ummataaf dabalanii jiru.
Maqaa isinirraa hin jijjiirru isiniif haa taa’u yeroo jedhaman lakki an jijjiirrachuun barbaada maqaan koos Mohammad Naaf haa ta’u jedhanii jiru, maqaan haadha warraa isaanii ammo yerooma sana kadijjaa akka ta’u Abdii muusaa yeroo yaada kennu isaanis fudhachuun abbaan warraaf haati warraa kun Mohammadiifii kadijjaa jedhamuun moggaafamanii jiru.
Garee Shahaadaa. Allahu Akbar
Musa Husien
July 14, 2025Masha Allah!.