Gaafii
Gurbaa tokko wajjiin waljaalannee, sheeyxaanni nutti bareechee zinaa walitti hojjanne. Eega zinaa kana waliin goone, baatii tokko teenyee booda warreen keenyatti himnee, akkasitti gurbaan warra dhaqee nikaaha godhanne. Nikaan keenya kun akkami?
Deebii
Yaa gabrittii Rabbii “nikaahni fayyaa ta’aa?” jechuun dura, zinaa dalagee, zinaa dalage san hukmiin isaa maali jechutu sirra ture.
Ta duraatii akka hukmii shari’aatti yoo nama dardaraa taatan xiilaa dhibba dhibba dhahamtanii, biyyarraa isin fageessu. Yoo ammoo warreen duraan fuutanii jirtan taatan, mudhii gad isin awwaalanii dhagaan isin ajjees*u. Hardhaan tana garuu namni hukmii shari’aa hojirra oolchu waan hin jirreef hatattamaan addaan yaa’uudha; adda bahuudha. Isin zinaa walitti godhaa jirtan malee, zinaa gubbaan nikaahni fayyaa hin ta’u. Yoo xiqqaatte baatii takkaafi lamaa hamma saditti addaan fagaattanii tawbaa qulqullina qabdu eega tawbattaniin booda nikaaha haarawa godhachuu qabdan.
Dr. Liwaa’ulislaam