Gaaffii: Nikaaha dhoksaa ka duraan dogongora duraan dalaganii abbaan beeynaan, nikaaha sii hin hidhu jedheenii lakki nuti wal hin agarree jennee dhoksinee nikahaan sun akkamii?

Deebii: Yoo baaxilaan wajjiin jiraatanii jiraatan, nikahaani sun ammallee baaxila . Dhoksaan wajji jiraatanii akka dhoksaan wajji jiraatanillee abbaa ufii dhoksanii nikaaha nuu haa godhuudhaaf itti himan. Kanaafuu shari’aan dogongora akkasii san hin fudhattu. Namni dhoksaan karaa haraamaatiin waliin jiraate, dura Rabbiin sodaatanii adda bahu qabu.  eegasii bohaanii toowbaaf sadaqaaf soomanaan Rabbii ufiitti deebi’uu. Intaltillee qulqullinnaa yeroo lamaa sadii dhiigni itti dhufuu, eega adda yaa’aaanii ka wal quba hin qabne ka walii hin dawwalle ka taphaaf maalaayaanii waliin hin haasofne; lamaanuu shuglii booyichaatiif sadaqaatiif soomaanaatiin salaataatiin eega araara Rabbii isaan irra barbaadan booda, karaa halaalaatiin waliyyii irraa nikaaha wal godhachuun ni ta’a. Kanaan achitti  uf sobuun aakiratti jazaan isii ibiddumatti nama darba. Kanaafuu sobuun hin barbaachisu.

 

Sheekh Alii Jimmaa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*