Gaafii: Namni tokko dhala/ribaa nyaachuun beekama. Yoo namni kun Jigii/Guuza/Daboo nama yaame, affeerraa isaa kanarratti hirmaachuun danda’amaa? Nyaata inni qopheesse hoo nyaachuun hayyamamaa? Deebisaa: Namtichi kun qabeenyi isaa guutumattuu 100/100 dhala tahuun yoo beekame, isarraa nyaata nyaachuun haraama taha. Jigii isaa irrattis hirmaachuun hin hayyamamu. Nama akkanaa irraa fagaachuu barbaachisa. Gama birootiin yoo namtichi qabeenya garagaraa qabaatee,...
Deebisaa gababduu Dhaabbata kana keeysa dalaguun akka shari’aa islaamaatti dhoorkaadha. Dhaabbata Farshoo oomishu, dhaabbata booyyee qalee foon isaa guruguru fi dhaabbata dalagaa haraamaa hojjatu hunda waliin hojjachuun haraama. Namni garbuu oomishu, garbuu isaa warshaa biqilaatiif gurguruun akkami? Kunis haraama taha. Biqilli maaliif barbaadama? Gaafii jettu yoo if gaafanne deebisaa ni arganna. Biqilli waan...
Deebisaa: Rabbi Qur’aana isaa keessa waan gaaritti wal ajajaa, hamtutti wal hin ajajinaa nuun jedhe. Bakka san keessatti hojjachuun ammoo ma’asiyaa irratti nama gargaaruudha. Kan lammataa ammoo wanti mana san keessa jiru kan itti dhugan fi nyaatan akkasumas kan ittiin hojjatan hundi najisa. Kanaaf jecha bakka san irraa fagaatuu barbaachisa. Nama waan tokko Rabbiif jecha dhiise...
Walqunnamtii Saalaa Raawwachuu. Namni soomni tokko haadha manaa isaa wajjin wal qunnamtii saalaa yoo raawwate soomni isaa ni haqama, guyyaa sana, kan walqunnamtii saalaa akkasii raawwate sana bakka buusuuf dirqama itti ta’a. Kana malees, namni tokko guyyaa akkasii bakka buusuuf qofa osoo hin taane, kaffaaruuf dirqama qaba. Kaffaarri gocha akkasii gabricha bilisa baasuu yoo ta’u,...
Islaamummaan Jechuu nagaa argachuu jechuudha – nagaa Rabbiin wajjin, nagaa of keessaa, fi nagaa uumama Rabbi wajjin – guutummaatti Rabbiif of gadi qabuu fi qajeelfama isaa fudhachuudhaan. Jechi Islaamaa jedhu hundee Arabaa qubee sadii qabu S (س)- L (ل)- M (م) jedhu irraa kan madde yoo ta’u, kunis jechoota hiika walitti hidhata qaban kan maddisiisu...
KUTAA 3ffaa. Ammas gaafii isaan kaasantu jira, innis akkamitti malaa’ikaan bifa namaatiin dhufuu danda’a? kan jedhuudha. Deebiin kanaas macaafuma isaanii keessas jira, garuu isaan macaafa dubbisuu osoo hin taane qabatanii shubbisutti amanu. daani’el 9:21. ”dubbii kanaan kadhachaa utuun jiruu, gabri’el inni nama fakkaate ani duraan mul’atatti nan arge, yeroo aarsaa galgalaatti dadhabee utuun jiruu balali’ee...
Kutaa 2ffaa KUTAA 2FFAA. Jibriil gaafa dura nabiyyii keenyatti dhufu qabeenii isaan barsiisee deeme, yeroo lammaffaatti gaafa itti dhufu garuu bifa isaatiin itti mul’atee ture, isa kanaaf ammo ragaan. HADIISA BUKHAARII LAKK. 4. أَنَّ جَابِرَ بْنَ عَبْدِ اللَّهِ الأَنْصَارِيَّ، قَالَ: وَهُوَ يُحَدِّثُ عَنْ فَتْرَةِ الوَحْيِ فَقَالَ فِي حَدِيثِهِ: ” بَيْنَا أَنَا أَمْشِي إِذْ سَمِعْتُ صَوْتًا...
KUTAA TOKKOFFAA DEEBII DUBBII SOBAA KIRISTAANONNI DUBBATANIIF. Akkuuma beekamu yeroo hedduu kiristaanonni dubbii sobaa facaasu, yeroo garii ammo yaada jibba qofaan guutameen ka’anii islaamummaa irratti kijiba labsu, akkuma amantii isaanii keessatti dubbii rabbi dabsuudhaan waaqa baay’isan, islaamummaa keessattis barsiisa haaraa kijibaan guutame facaasuuf dhama’u. Garuu islaamummaan amantaa rabbiin itti ajaje waan taheef tasuma hir’isuun hin...
Kaasahun;-Yesus ilma waaqaati! Malee ilma namaatii miti, Wangeela Yohaannis boqonna 3 lakkofsa 16 Waaqni biyya lafaa kana akkaan waan jaalateef Ilma isaa tokkicha kenne jedha kanaafu Yesus Ilmawaaqaa ti! Arab;- Isin kiristaana duras ummanni biraa, kan waaqni ilma qaba jedhan ni jiru. Qur’an suuraa Tawubaa boqonna ...