3. Afeerraa namni Ribaa nyaatu qopheesse orratti hirmaachuun danda’amaa?
Gaafii: Namni tokko dhala/ribaa nyaachuun beekama. Yoo namni kun Jigii/Guuza/Daboo nama yaame, affeerraa isaa kanarratti hirmaachuun danda’amaa? Nyaata inni qopheesse hoo nyaachuun hayyamamaa? Deebisaa: Namtichi kun qabeenyi isaa guutumattuu 100/100 dhala tahuun yoo beekame, isarraa nyaata nyaachuun haraama taha. Jigii isaa irrattis hirmaachuun hin hayyamamu. Nama akkanaa irraa fagaachuu barbaachisa. Gama birootiin yoo namtichi qabeenya garagaraa qabaatee,...







