6.Nikaahni nama duubaan godhamu akkami?
Anaa fi intalti takka wal jaalanne. Eega wal jaalanneen booda warri keenya lamaan walitti dhufanii nikaaha nama godhus waaman. Garuu guyyaa nikaaha godhan san ‘eenyuun bakka buufatta’ naan hin jenne, ‘hayyama godhi’ naan hin jenne. Anuma duubaan nikaaha godhan. Nikaahni kun akkamitti laallama? Deebii: Nikaahni ulaagaa afur ykn shan qaba. Inni duraa, abbaan intalaa intala namaa...












