Du’aa’ii Yeroo gara masjiidaa deemnu

اللَّهُـمَّ اجْعَـلْ فِي قَلْبِـي نُوراً، وَفِي لِسَـانِي نُوراً، وَفِي سَمْعِي نُوراً، وَفِي بَصَرِيِ نُورًا، وَمِنْ فََوْقِي نُوراً، وَ مِنْ تَحْتِي نُوراً، وَ عَنْ يَمِينِي نُوراَ، وعَنْ شِمَالِي نُوراً، وَمِنْ أَماَمِي نُوراً،,وَمِنْ خَلْفِي نُوراً، وَاجْعَلْ فِي نَفْسِي نُوراً، وأََعْظِمْ لِي نُوراً، وَعَظِِّمْ لِي نُوراً، وَاجْعَلْ لِي نُوراً، واجْعَلْنِي نُوراً، ألَلَّهُمَّ أَعْطِنِي نُوراً، وَاجْعَلْ فِي عَصَبِي نُوراً،...

Du’aa’ii yeroo mana ol seennuu

بِسْـمِ اللّهِ وَلَجْنـَا، وَبِسْـمِ اللّهِ خَـرَجْنـَا، وَعَلَـى رَبِّنـَا تَوَكّلْـنَا Bismillaahi walajnaa, wa bismillaahi kharajnaa, wa ‘alaaRabblnaa tawakkalnaa Maqaa Rabbiitiin seenne, Maqaa Rabbiitiin baana, Gooftaa keenya irrattis hirkanna .(Namni tokko yeroo mana seenu fi yeroo nyaata jalqabu Maqaa Rabbii kaasuu qaba; akkasumas sheyxaannis, kana dhaga’ee akkana jedha: “halkan kana asitti gaaddisni fii  nyaannis nuuf hin jiru”.)...

Du’aa’ii Yeroo manaa baanuu

بِسْمِ اللَّهِ تَوَكَّلْـتُ عَلَى اللَّهِ، وَلاَ حَوْلَ وَلاَ قُـوَّةَ إِلاَّ بِاللَّهِ Bismillaahi, tawakkaltu ‘alallaahi, wa laa hawla wa laa quwwata ‘ illaa billaah. Maqaa Rabbiitiin imaanaa koo Rabbitti nan kennaa. (isarratti nan irkadha),  humnii fii dandeettiin kan Rabbii malee hin jiru. [Abu Dawud 4/325, At-Tirmizi 5/490, Al-Albani, Sahih At-Tirmizi 3/151]

du’aa’ii Wuduu’a erga xumuranii boodaa

أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَـهَ إِلاَّ اللّهُ وَحْدَهُ لَا شَريـكَ لَـهُ وَأَشْهَدُ أَنَّ مُحَمَّـداً عَبْـدُهُ وَرَسُـولُـهُ ‘Ash-hadu ‘an laa ‘ilaaha ‘illallaahu wahdahu laa shareeka lahu wa ‘ash-hadu ‘anna Muhammadan ‘abduhu wa Rasooluhu. Rabbii tokkicha, Kan hiriyaa hin qabne, kan isa malee kan biraa mirga gabbaramuu hin qabne tahuu ragaa nan baha; akkasumas Muhaammad gabrichaa Isaa fii...

Du’aa’iiYeroo wuduu’a jalqabnu

بِسْمِ اللّهِ Bismillaahi maqaa Allaahaa tiin [Abu Dawud, Ibn Majah, Ahmad, ‘Irwa’ul-Ghain 1/122.]

Du’aa’ii Erga mana fincaanii keessaa bane boodaa

غُفْرَانَكَ Ghufraanaka Dhiifama kee nan barbaada. [Abu Dawud, Ibn Majah, At-Tirmizi, An-Nasa’i, Al-Qayyim’s Zadul-Ma’ad, 2/387.]  

Du’aa’ii Mana fincaanii seenuu dura

بِسْمِ اللَّهِ. اللَّهُـمَّ إِنِّي أَعُـوذُ بِـكَ مِـنَ الْخُـبْثِ وَالْخَبَائِثِ Bismillaahi. Allaahumma ‘innee ‘a’oothu bika minal-khubthi walkhabaa’ith. Maqaa Rabbiitiin. Yaa Rabbii hafuura xuraa’aa dhiiraa fi dubartii irraa eegumsa kee barbaada. [Al-Bukhari 1/45, Muslim 1/283, Fathul-Bari 1/244]

Du’aa’ii Yeroo uffata uffattuu

الْحَمْدُ لِلّهِ الَّذِي كَسَانِي هَذَا (الثَّوْبَ) وَرَزَقَنِيهِ مِنْ غَـيـْرِ حَوْلٍ مِنِّي وَلَا قُـوَّةٍ Alhamdu lillaahil-lathee kasaanee haathaa (aththawba) wa razaqaneehi min ghayri hawlim-minnee wa laa quwwatin. osoo humnaa fii dandeettii hin qabne, Rabbii uffata kana na uffiseef galanni haa gayu.    [Al-Bukhari, Muslim, Abu Dawud, Ibn Majah, At-Tirmizi, ‘Irwa’ul-Ghalil 7/47.]  

Du’aa’ii Yeroo hirriibaa dammaqxu

اَلْحَمْدُ لِلَّهِ الَّذي أَحْيَانَا بَعْدَ مَا أَمَاتَنَا وَإِلَيْهِ النُّشُورُ Alhamdu lillaahil-lathee ‘ahyaanaa ba’da maa ‘amaatanaa wa’ilayhin-nushoor. Galanni kan Rabbii erga nu ajjeese booda, jireenya nuuf kennee, erganaa gara isaa deebina.

Nama Ifxaara siif dhiyeessuuf

أَفْطَرَ عِنْدَكُمُ الصَّائِمُونَ وَأَكَلَ طَعَامَكُمُ الأَبْرَارُ وَصَلَّتْ عَلَيْكُمُ الْمَلاَئِكَةُ Aftara ‘indakumus-saimun, wa akala ta’amakumul-abrar, wa sallat ‘alaikumul- mala’ikah Soomantoonni si waliin sooma isaanii haa furan, warri Rabbi  sodaatan nyaata kee haa nyaatu, Malaaykonni eebbaDu’aa’ii siif haa kadhattu Ibnu Maajah: lakk. 1747